ODUUSIYAASA

Oduu: MM Somaaliyaa ‘Hamaas garee bilisa baasa malee shororkeessitoota miti’ jedhan

Finfinnee, Sadaasa 03/2023 – Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abii Baarreen haasawaa Kamisa kaleessaa taasisaniin, gareen Hamaas jaarmiyaa shororkeessaa osoo hin taane garee birmadummaa lafa Falasxiin tiksuuf qabsaa’udha jedhan.

Muummichi Ministeeraa Abii Baarreen yaadannoo waggaa lammaffaa Sheek Abdulkhaadir Jeelaanii Moqaadishootti gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, al-Shabaab Somaaliyaa keessatti rakkoo uumaa jiraatus, ummanni Somaalee waan Falasxiin keessatti ta’aa jiru akka hin daganne dhaamaniiru.

“Addunyaan Islaamaa wal lolee walirratti akka duulu dirqamee, achiis Khaawaarij tokko isaaniif ergameera. Ammammoo, Hamaas dhaabbata shororkeessaadha jennee akka moggaafnu nu amansiisuu barbaadu. Hin jennu, hin fudhannus,” jedhan Ministirri Muummee Somaaliyaa.

“Addunyaan eessa jira? Falmitoonni mirga namoomaa eessa jiru? Falmitoonni mirga daa’immanii eessa jiru? Falmitoonni mirga dubartootaa eessa jiru? Eessa dhaqanii?” jechuun gaafatan.

Kana malees, rakkoo kanaaf furmaata quubsaa ta’u kan danda’u mootummoota lamaan of danda’anii dhaabbatan yoo mirkanaa’e qofa jedhan. “Mootummaa Falasxiin magaalaa guddoo ishee Al-QUDSI (Yerusaalem) ta’uu hanga arginutti araarama hin qabnu. Dhiigni ummata Gaazaa jalqaba bilisummaa Al-Aqsaati,” jedhan.

Torban darbe Pirezidaantiin Turkii Erdogaanis Hamaas dhaabbata shororkeessaa osoo hin taane garee bilisummaa lafa Falasxiin eeguuf qabsaa’u ta’uu labsuun isaanii ni yaadatama. AS 

Related Articles

Back to top button