DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Atileet Taammiraat Tolaa riikoordii haaraa galmeessuun maaraatoonii Niiw Yoork moo’ate

Finfinnee Sadaasa 06, 2023 – Atileetiin Itoophiyaa Taammiraat Tolaa fiigicha maaraatoonii Niiw Yoork riikoordii waggaa 12 ture cabsuun sa’aatii haaraa galmeessisuun moo’achuun Washington Post gabaaseera.

Taammiraat dorgommii fiigicha dheerina 42km kana sa’aatii lama, daqiiqaa afuriifi sekondii 58’tiin xumuruun riikoordii haaraa galmeessisuun goolabeera. Riikoordii dorgommii kanaa waggaa 12 atileetii Gii’oofrii Muutaayii jedhamuun bara 2011 eegalee qabamee ture sekoondii saddeetiin fooyyeessuun moo’achuun gabaafameera.

Akka gabaasa kanaatti, Tolaan riikordii haaraa galmeessisuu yaadee osoo hin taane mooo’achuu kaayyeeffatee fiigaa ture.

“Uummanni Niiwyoork yeroon fiigaa tureetti hamilee naaf kennuudhaan baay’ee gaariidha. Baay’ee gammadeera. Uummanni hundi galatoomaa. Dheerina kana hunda qofaa koo fiiigee xumuruun ulfaataadha,” Taaamiraat jedhe jechuun Washington Post gabaaseera.  

Tolaan baroota 2018 fi 2019 keessa afraffaa bahuun dorgommii kana xumuree ture.

Dorgommii kanarratti atileetiin Keeniyaa Albart Koriir jedhamu Taammiraatitti aanuun lammaffaa bahuun  xumureera.

Akkasumas, dorgommii dubartootaatiin atileetiin Keeniyaa Heelan Obiirii sa’aatii lamaafi daqiiqaa 27 fi sekondii 23 tokkoffaa kana baate yoo ta’u atileetiin Itoophiyaa Latasanbat Gideey jedhamtu sekoondii jaha itti aanuun lammafaa bahuun dandeesseerti. AS

Related Articles

Back to top button