ODUUSIYAASA

Oduu: Dhaabbanni Cheek Riippabliik Omniipool xiyyaara waraanaa L-39 Itoophiyaaf suphuuf waliigaluun ibsame

Finfinnfee, Sadaasa 06, 2023 – Dhaabbanni Cheek Riippabliik Omniipool Jedhamu xiyyaara waraanaa L-39 jedhamu Itoophiyaadhaaf suphuufi haaromsuuf waliigaluu MM Cheek Riippabliik Petr Fiyaalaa ergaa karaa miidiyaa hawaasaatiin raabsaniin ibsaniiru.

MM Cheek Riippabliik kana kan jedhan erga torban darbe keessa daawwannaaf gara Itoophiyaa erga dhufanii boodadha.

“Simannaa ho’aa Buufanni Qilleensaa Bushooftuu, Wiirtuu Humna Waraana Qilleensaa Itoophiyaa, naaf taasiseetti baay’ee gammadeera,” Petr Fiyaalaatu jedhe.

Akkasumas, dhaabbanni Cheek Omniipool jedhamu xiyyaaraa waraanaa L-39 jedhamu suphuuf, maashinoota barbaachisoo dhiyeessuufi humna namaa leenjisuu Itoophiyaaf kan hojjatu ta’uu himaniiru.

“Dhaabbata Cheek Omniipooliifi humna waraanaa Itoophiyaa gidduutti waliigalteen barbaachisaa godhamaa jira. Xiyyaara waraanaa L-39 suphuufi haaromsuu, mashinoota balallii barbaachisooo dhiyeessuufi teeknishiyaanonni Cheek hojjattoota biyya kanaa leenjisuu keessatti ni hirmaanna. Carraan xiyyaara waraanaa haaraa ammayyaawaa dhiyeessuus ni jira,” Petr Fiyaat dabalanii jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa gamtoomina kanatti kan gammade ta’uu fi hariiroon kuni fulduratti daran cimee kan itti fufu ta’uu MM Cheek kuni himaniiru.

Dhaabbanni Cheek Omnipol jedhamuun beekamu kuni dhaabbata xiyyaraa waraanaa omishuun yeroo dheeraaf beekamu ta’uu odeeffannoon marsariitii dhaaabbatichaa irra arganne ni mul’isa.

Itoophiyaan xiyyaara waraana MiG-21, MiG-23 fi Su-27 xiyyaarota waraanaa humni qilleensaa Itoophiyaa qabu keessaa ijoo ta’uun ni beekama. AS

Related Articles

Back to top button