ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Namoota 175 yakka malaammaltummaan himataman irratti hidhaa cimaa hanga waggaa 19 irratti murtaa’uu Ministeerri Haqaa beeksise

Finfinnee, Amajjii 09/2024 – Walakkaa bara baajataa kana keessatti galmeewwan 489 mana murtiitti falmiin irratti taasifamaa turan keessaa himatamtoota 175 galmee dhibba tokkoon himataman galmeewwan irratti himatamaniin balleessaa ta’uu isaanii mirkanaa’ee murtii adabbii hidhaa hanga waggaa 19 irratti murtaa’uu Ministeerri Haqaa ibse.

Waajjira Immigreeshinii fi Tajaajila Lammummaatti dhimma tajaajila Paaspoortii fi kanneen biroon walqabatee yakka malaammaltummaa raawwatame irratti hojii seera kabachiisu gaggeeffameen shakkamtoota 60 paaspoortii lammiilee Itoophiyaa qofa argachuu qaban lammiilee biyya alaaf maallaqa hedduu haga 300,000n gurguraa turan irratti himannaawwan 15 dhiyaachuu ibsameera. 

Qabeenya himatamtootni yakka kanaan horatan irratti qorannoo bal’aan gaggeeffamaa akka jiruu fi qorannoon yakkaa hafe erga xumuramee booda murteen akka kennamu ministeerichi ibseera. 

Kana malees, himatamtoonni 48 mirga osoo hin qabaatin beenyaa lafaa birrii 82,960,000 ol tilmaamamu fudhatanii fi kennan, akkasumas kanneen dhimma lafaa raawwachiifna jechuun birrii miiliyoona saddeeti ol fudhatan irratti himannaan dhiyaatee murteen adabbii irra murtaa’uu ibsameera.

Malaammaltummaa fi hanna baakota irratti raawwatamuun walqabatee hojjettoota baankii fi namoota dhuunfaa biroo birrii miiliyoona 48 ol baankota adda addaa irraa fudhatan irratti galmeen himannaa adda addaa 14 dhiyaateera.

Kana malees, Finfinneetti hoji gaggeessaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa dabalatee himatamtootni 16 kutaa magaalaa Lammii Kuraa keessatti kaafamtoota misoomaa of fakkeessuun beenyaa miiliyoona 65 fudhatanii fi kennan irratti himannaan malaammaltummaa dhiyaatee falmiin erga irratti godhame booda hidhaa cimaa hanga waggaa 19 irratti murtaa’uu EBCn gabaaseera. AS

Related Articles

Back to top button