ODUUSIYAASA

Oduu: Humna tika nageenyaa Somaaliyaatti bobbaafamuun walqabatee mariin akka taasifamu biyyoonni 5 gaafatan

Finfinnee, Onkololeessa 04, 2024 – Akkaataa humnoonni tika nageenyaa biyyoota garaagaraa gara Somaaliyaatti bobbaasaniin walqabatee mariin biyyoota kanneen hirmaachise akka taasifamu Ameerikaa dabalatee biyyoonni shan gaafatan.

Biyyoonni kunneen, ibsa biyyoonni kunneen baasaniin, akkaataa ergama Gamtaan Afrikaa ce’umsa Somaaliyaatiif (ATMIS) taasisurratti mariin biyyoota loltootasaanii ergan hirmaachise barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Ameerikaa, Turkii, Emireetota Arabaa Tokkummaa’an, Ingiliiziifi Kuwaataar dhimma Somaaliyaarratti Waashingtan Diisiitti Fulbaana 20, 2017 ALI marii taasisuun ibsichi addeesseera. Marii taasifame kanarratti mootummaan Somaaliyaa hirmaateera jedhame.

Biyoonni kunneen ibsa baasaniin, “Tokkummaafi birmadummaa Rippablikii Federaalawaa Somaaliyaatiif deeggarsa qabnu ni mirkaneessina,” jedhaniiru. “Waldhabdee hokkora babal’isuu danda’an mariidhaan furamu qabu.”

Kana malees, rakkoo finxaaleyyiin Gaanfa Afrikaatti qaqqabsiisaa jiran gituun karoora diinagdeefi tasgabbiirratti xiyyeeffannoodhaan mari’atamuu ibsichi eereera.

Tattaaffii mootummaan Somaaliyaa humna tika nageenyaa biyyattiifi waajjiraalee raayyaa ittisaa cimsuuf taasisu kamiyyuu kan deeggaran ta’uu biyyoonni kunneen ibsaniiru.

Akkasumas, biyyoonni shanan kunneen akkaataa loltoonni ergama Gamtaa Afrikaa itti aanu gara Somaaliyaatti bobbaafaman irratti mari’ataniitu. Karooraafi barbaaachisummaa ergamichaarrattis mari’ataniiru.

Akkaataa loltoonni ATMIS gara Somaaliyaatti bobbaafaman irratti biyyoonnni dhimmichi isaan ilaallatu marii taasisuun daran barbaachisaa ta’uu eerameera. Kunis ergama ATMIS qixa sirrii ta’een milkeessuuf faayidaa kan qabu ta’uu ibsameera.

Akkaataa bulchiinsi mootummaa Somaaliyaa gargaarsa namoomaa qindeessuuniifi humna tika nageenyaasaa cimsuu danda’urrattii mari’ataniiru. Biyyoonni kunneen marii itti aanu Mogaadishootti taasisuuf karoorafataniiiru jedhame. AS

Related Articles

Back to top button