Buqqaatonni 1,400 ol gara godina Kaaba Lixa Tigraayitti deebifaman

Adoolessa 01, 2024 – Buqqaatonni 1,400 ol godina Kaaba Lixa Tigraay aanaa Tsallamtiitii buqqaafamanii turan deebifamuu miseensi koree deebisanii ijaaruu beeksise. Buqqaatonni kunneen haa deebifaman malee sodaan nageenyaa jiraachuu himame.

Miseensa koree deebisanii ijaaruu kan ta’an Obbo Taaddalaa Mangistuu turtii Addis Standard waliin taasisaniin, rakkooleen akka imala dheeraafi adeemsi buqqaatota deebisaa qubachiisuu ulfaataa ta’uu eeruun  buqqaatonni 1,456 Waxabajjii 29, 2024 deebifamuu Taaddalaan himeera.

Buqaatonni kunneen gara ganda Mayii Aynii, Maayii Ambasaa, Madaani’aalamiifi Wuheedaatiitti deebifamaniiru. Imalli buqqaaatota deebisuu biraa Waxabajjii 30, 2024 tti karoorfamee turehanga gabaasni kuni qindeeffamutti hin raawwatamne.

Haa ta’u malee, buqqaatonni 80,000 ta’an keessaa kan deebi’an baay’ee lakkoofsaan xiqqoo ta’uu Obbo Taaddalaan dubbataniiru.Gareen buqqatotaa jalqaba gara Tsallamtii deebifaman lakkoofsaan 8,500 hnag 10,000 akkka ta’an mrkaneessaniiru.

Haa ta’u male,, sodaa nageenyaa qabaachuu jiraatooonni deebifaman kunneen sodaa nageenyaa qabaachuu Taaddalaan ibseera. Sodaa kanaaf mootummaan tika akka taasisus gaafataniiru.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa buqqatonni kunnen deebifamuun guyyaa sadii dura naaanichaa  gadhiisanii bahuu Taaddalaan dubbateera. Naannichi too’annoo raayyaa ittisa biyyaa jala jiras jedhame.

Baqattoota deebifaman keessaa tokko Addis Standard’tti akka himetti, gara qe’eetti deebi’uusaatti gammadus sodaa nageenyaa qabaachuu himeera.

Milishaan Amaaraa naannicha keessa jiraachuunsaanii soda akka itti uumu himaniiru. Gargaarsi namoomaa dhabamuufi nageenyisaanii tikfamuu dhabuun sodaachisaa ta’uu himeera.

“Nageenya namootaa mirkaneessuufi buqqaatonni yoo gargaaraman sammuu namootaa tasgabbaa’uun deebi’ee ni ijaarama,’ Taaddalaatu jedhe.

Buqqaatota deebsiuuf moootummaa federaalaa waliin waliigalteerra gahamuu itti aanaan Pireezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraay Taaddasa Wardaa Caamsaa 2024 keessa dubbatee ture. Buqqaatonni yoom akka deebifaman karoorri baafamaa jiraachuu ibsee ture.

Buqqaatonni akka deebifaman gaafachuun magaalota naannoo Tigraay akka Maqalee keessatti hiriirri nagaa taasifmaa tureera. AS

Exit mobile version