DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Barattoonni Itoophiyaa 100 carraa barnoota bilisaa Chaayinaa moo’atan Yuunivarsitii Finfinneetti ramadaman

Finfinnee, Amajjii 15, 2024 –  Barattoonni Itoophiyaa 143 ta’an carraa barnoota bilisaa mootummaan Chaayinaa kennuu moo’atan akaakuu barnoota digrii jalqabaafi sanaa oliin Yuunivarsitii Finfinneetti kan ramadaman ta’uu gabafameera.

Pireezidaantiin ce’umsaa Yuunivarsitii Finfinnee  Saamu’eel Kiflee Yuunivarsitiiwwan Chaayinaa Yiuunivarsitii Finfinnee waliin hariiroo gaarii kan qaban ta’uu eeruun carraan kuni barattoota yuunivarsitichaa leenjisuu irrattti bu’aa kan qabu ta’uu  himaniiru.

Akka gabaasa Xinhua’tti, hariiroon dhaabbilee barnootaa Itoophiyaafi Chaayinaa giduu jiru jabaachaa dhufeera.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zaahoo Zhuyuuhaan barattoonni carraa barnootaa argatan kunneen guddina hawaas-dinagdee Itoophiyaaf akka gumaachan waamicha taasisan.

Yuunivarsitiin Finfinnee hariiroo Chaayinaafi Itoophiyaa gidduutti “riqicha” ta’uun jiru cimsuuf hojjachaa turuu yaadachiisaniiru.

Barattoota carraa argatan keessaa Mulugeetaa Ayyalaa carraan kuni gudiina Itoophiyaaf akka gumaachu kan isaan taasisu ta’u himeera.

Sirni kennaa carraa bilisaa kanarratti barattootta 22 kan dorgommii gahumsa afaan Chaayinaa moo’ataniis dabalataan badhaafamaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button