DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Dubartootni Itoophiyaa karaa seeraan ala Keeniyaa seenan 26 to’annoo Poolisii jala oolan

Finfinnee, Fulbaana 05/2023 – Poolisiin Keeniyaa Aanaa Muraangaa dubartoota Itoophiyaa 26 seeraan ala gara aanicha seenan to’annaa jala oolchuu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru. Gabaasaaleen kunneen akka agarsiisanitti lammiileen Itoophiyaa umrii 22 hanga 32 gidduu jiran gamoo mana jireenyaa hin xumuramne keessa dhokatanii argamaniiru.

Garee Ajajaa Poolisii Aanaa Muraangaa Deeviid Maatewoos Kayingaan durfamu odeeffannoo naannoo sanarraa argame irratti hundaa’uun sakatta’iinsa gamoo kanaa irratti taasiseen lammiilee Itoophiyaa kunneen paaspoortii fi mobaayila 16 waliin to’annaa jala oolcheera. Gabaasni kun akka agarsiisutti dubartoonni kunneen gara Afrikaa Kibbaa imalaa turan. 

Namootni dubartoota kunneen seeraan ala gara Keeniyaatti galchuuf achii booda gara Afrikaa Kibbaatti geessuuf turan dubartoota kana waliin akka hin jirre gabaasni kun addeesseera.

Miidiyaaleen akka gabaasanitti abbaan qabeenyaa fi waardiyyaan gamoo dubartoonni kunneen keesssa turan to’annoo poolisii jala ooluun qoratamaa jiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button