DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Abbootiin Gadaa Gujii fi Booranaa hawaasni lamaan rakkoo hundeeffama godina Boorana Bahaa hordofee uumame mariin akka furu dhaaman

Finfinnee, Onkoloolessa 31/2023 – Abbootiin Gadaa Booranaa fi Gujii murtee hundeeffama godina haaraa Boorana Bahaatii booda muffii fi mormii mudate hordofee haalli jiru nagaan akka furamu waamicha dhiyeessan. Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Mandhoo fi Abbaan Gadaa Boorana Kura Jaarsoo turtii VOA waliin taasisaniin uummatni lamaan rakkoo uumame mariidhaan akka furu hubachiisaniiru.

Caffeen Oromiyaa Guraandhala 27, 2023 caaseffama haaraa dabarseen godina Baalee irraa aanaalee lama, godina Boorana irraa aanaalee sadi fi godina Gujii irraa aanaalee sadi fi bulchiinsi magaalaa Nageellee walitti fiduudhaan godina Boorana Bahaa hundeessuun isaa ni yaadatama. 

Akka mootummaan naannoo Oromiyaa jedhutti sababni gurmaa’insa godina kanaa koridoorii misoomaa uumuun carraa misoomaa guddisuu, yaaddoo nageenyaa naannoo sana jiru furuu, malaammaltummaa fi bulchiinsa hamaa Kibba Oromiyaa keessa jiru to’achuuf jedha.

Haata’u malee jiraattonni godina Gujii fi qondaaltonni godinichaa sababa magaalaa guddoo godinichaa ture Nageelleen gara godina haaraa kanatti galfamuu fi magaalaan guddoo godina Gujii gara Adoolaa Reeddeetti jijjiirameen adeemsa gurmaa’insa haaraa keessatti uummata mariisisuu dhabuu fi murteen kenname gubbaa gadi ta’uun isaa madda rakkooti jechuun gurmaa’insa haaraa kana mormaniiru. 

Hiriira mormii ji’oota torba oliif Gujii keessatti gaggeeffamaa jiru biyya Ameerikaa taa’ee kan qindeessu Badhaasaa Haayiluu tibbana Addis Standarditti akka himetti, yeroo kana keessaa harka caalu magaalota Booree fi Nageellee gidduutti daandii geejjibaa kiiloo meetira 300tti dhihaatu cufamuu fi sochii konkolaataa addaan citee paatrooliin waraanaa waliin ta’uun kan sosocha’an jiru jedhe. Akka Badhaasaan jedhutti “haalli kun sochii diinagdee naannoo sanaa haalaan laamsheessuun mootummaa irratti dhiibbaa malu taasiseera,” jedha.

Aanaalee godina Gujii irraa bahanii godina Boorana Bahaa jala galfaman keessaa tokko kan taate Gooroo Doolaatti, bulchaa fi itti aanaa isaa dabalatee kaabinoonni aanaa irra caalaan isaanii mana hidhaatti galfamuu isaanii Badhaasaan himeera. Itti dabaluunis, manneen hojii mootummaa fi caasaan mootummaa godinichaa guutuun akka hojiin alaa ta’an dubbateera.

Gooroo Doolaa keessatti barattoonni kuma 52 ol ta’an barnoota ala ta’uu fi miindaan hojjettoota mootummaa aanichaa ji’oota sadii oliif harkifachuu Addis Standard maatii barattootafi hojjeettootni mootummaa dubbisuun gabaase ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Mandh’oo jalqaba hundeeffama godina Boorana Bahaa ilaalachisee yaada VOAf kennaniin, “Nuti hundeeffamni kun uummata walitti buusa, hin ta’u jenne turre. Aanaalee godina kaan irraa fudhanii godina kaanitti kennuun sirrii miti jenne” jedhan.

Abbaan Gadaa Boorana Kura Jaarsoo gama isaaniitin hundeeffamni godinaa kun deebii gaaffii yeroo dheeraaf eegamaa tureedha jedhan. “Kanaan dura bara 1994 ALI yeroo godina Gujii hundeeffamu magaalaa guddoo godinichaa Nageellee Booranaa ture maqaa haqanii gara Gujiitti galchuu isaanii uummatni komataa ture. Yeroos bulchiinsi lamaa walitti buute dhiigni nama hedduu lola’aa ture. Amma yeroo godinni Boorana Bahaa hundeeffamu hedduu gammadne,” jedhan.

Abbaan Gadaa Jiloo Mandh’oo rakkoo aanaa Gooroo Doolaatti mudate ilaalchisee wayita dubbatan, “manni barumsaa hin jiru jechuun akka Oromoottu namni hin jiru jechuudha. Kanaafuu barumsi akka deebi’uu fi mootummaan waan murteesse irra deebi’ee akka sirreessu himneerra” jedhan. 

Dhimma hundeeffama godina haaraa kana irratti mormii gama Gujii irraa ka’e ilaaluuf gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo “yeroo sadi ol” magaalaa Adaamaatti marii taasisuus waliigaluu akka hin dandeenye kan himan Abbaa Gadaa Kura Jaarsoon, mootummaanis Abbootii Gadaatif tumsa taasisu qaba jedhan.

Dhumarratti Abbootiin Gadaa lamaan waamicha dhiyeessaniin hawaasni lamaan rakkoo jiru mariidhaan akka furuu fi mootummaanis tumsa akka godhu hubachiisaniiru. Abbaan Gadaa Kura Jaarsoo, “mootummaan bulchiinsaaf akka itti toluutti godina fi aanaadhaan haa qodu malee lafti Oromoo daangaa hin qabdu. Sanaaf tokkummaa Oromoo diiguuf namoota erga fudhatanii uummata kana walitti buusuuf carraaqaniif dhagahuu hin qabu. Rakkoo uumame mariidhaan yoo furate gaariidha,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button