ODUUSIYAASA

Oduu: Humni Qillleensaa Itoophiyaa meeshaa waraana ammayyaa haleellaa kamiyyuu ittisuu dandeessisu hidhateera: Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa

Finfinnee Amajjii 16, 2024 – Humni qilleensaa Itoophiyaa su-30 dabalatee jeettiiwwan waraamnaa naama malee biroo hidhachuu ajajaa waliigalaa humna Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Itaamaajoorshuum Fiild Maarshaaal Biraanuu Juulaa dubbatan.

RIB ibsa baaseen, humni qilleensaa Itoophiyaa jeetii waraanaa ammayyaawaa su-30 fi jeettiiwwan nama malee socho’an biroo hidhachuu Biraanuu Juulaa wabeeffachuun gabaafeera.

Jeetiiwwaniifi jeetoonni nama malee balali’an dhaloota shanaffaa ta’an kunneen bakka jiranitti diinni Itoophiyaarratti haleellaa banamu kamiyuu qolachuu ni danda’ama jedhan.

Humni qilleensaa Itoophiyaa humna namaa leenji’e, hidhannoo meeshaalee waraanaatiin cimuu ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Yilmaa Mradaasaa himan.

Mul’isni jeettota balaliisuufi mul’isini qilleensarraa biroo taasifamuun ibsameera.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa imireetota Arabaa Walta’anii waliin ta’uun agarsiisa humna qilleensaa qopheessuun ni yaadatama.AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button