ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Itoophiyaan madaallii olaantummaa seeraa idil addunyaatin bara darbe irraa hiri’isuun biyyoota 142 keessaa sadarkaa 129ffaa argatte

Finfinnee, Onkoloolessa 25/2023 – Madaallii Ol’aantummaa Seeraa Pirojeektii Haqaa Addunyaa (WJP) bara 2023 har’a Onkoloolessa 25 ba’e akka mul’isutti qabxiin madaallii ol’aantummaa seeraa Itoophiyaa waliigala Indeeksii bara kanaatiin 3.8% gadi bu’uu ibseera. Itoophiyaan qabxii madaallii kan bara darbe irraa sadarkaa jahaan gadi bu’uun biyyoota addunyaa 142 keessaa sadarkaa 129ffaa irratti argamti.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii argaman 34 keessaa sadarkaa 30ffaa irra jirti. Biyyoota naannoo kana keessaa ga’umsa olaanaa kan agarsiifte Ruwaandaa yoo taatu (akka addunyaatti biyyoota 142 keessaa sadarkaa 41ffaa irra jirti), ishee itti aanuun Naamibiyaa fi Moorishiyasii sadarkaa ga’umsa olaanaa agarsiisaniiru.

Waggaa darbe keessa biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadi argaman 34 keessaa 20 sadarkaan isaanii gadi bu’eera. Biyyoota 20 sana keessaa 10 ammoo waggaa isa dura keessas gadi bu’aniiru.

Afgaanistaan, Burkinaa Faasoo, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Gaambiyaa, Giinii, Laayibeeriyaa, Madagaaskaar, Maalaawii, Maalii, Moozaambiik, Niijar, Ruwaandaa, Seeraaliyoon, Sudaan, Togoo, Yugaandaa dabalatee biyyoota galii gadi aanaa qaban 17 keessaa Itoophiyaan sadarkaa 15ffaa irra teesse.

Biyyoota bara kanaaf qorataman keessaa Itoophiyaa dabalatee kanneen dhibbeentaa 59 ta’anitti olaantummaa seeraa kabajuun akka gadi bu’e agarsiisa.

Kufaatii madaallii olaantummaa seeraa Itoophiyaa fi biyyoota kanneen biroof sababootni eeraman keessaa isaan ijoo abbaa irrummaa mootummaa dabalaa jiru, dhiibbaa miidiyaalee irratti godhamu fi olaantummaa seeraa yeroo dheeraadhaaf balleeffamuuti. Bara kana biyyoota harka sadii keessaa lama keessatti kabajni mirgoota bu’uuraa gadi bu’eera.

Hundeessaa fi Pireezidaantii Pirojektii Haqaa Addunyaa (WJP) Wiliyaam Neekom dhimma kana ilaalchisee yaada kennaniin, “addunyaan kufaatii olaantummaa seeraa mirga namoomaa daangeessuu fi sirna haqaa fedhii namootaa guutuu dadhabuun guutamaa jira,” jedhan. “Namoonni addunyaa kanarra jiran gatii kana kaffalaa jiru.”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Sadarkaa addunyaatti Deenmaark madaallii olaantummaa seeraa bara 2023 kan dursitu yoo ta’u, Noorweey, Fiinlaand, Swiidinii fi Jarman walduraa duubaan sadarkaa itti aanu qabataniiru. Biyyootni madaallii gadi aanaa galmeessisan ammoo Veenzuweelaa, Kaamboodiyaa, Afgaanistaan, Haayitii fi Koongoo ta’uu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button