DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Dhaabbileen Siivilii 10 bara haaraa dhufutti mariin gareewwan hidhattootaa waliin eegalame akka itti fufu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Fulbaana 07/2024 – Dhaabbilee Hawaasa Siivilii biyya keessaa 10 ta’an bara haaraa Itoophiyaa sababeeffachuun waamicha nagaa waloo dhiyeessaniin, bara haaraa dhufutti mootummaa fi qooda fudhattoonni hundi nagaaf dursa akka laatan, mariin gareewwan hidhattootaa waliin eegalame akka itti fufu, akkasumas haqa fi itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u gaafataniiru.

Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD) dabalatee dhaabbileen gareewwan abukaatoo mirgoota namoomaa, waldaalee ogummaa fi dhaabbilee dubartootaa irraa walitti dhufan kunneen, bara 2016 keessatti qofa taateewwan waldhabdee 1,792 uumamaniin lubbuun namoota 6,165 darbuu eeraniiru.

Haalli kunis “giddu galeessaan ji’atti namoonni 560 sababa waldhabdeen akka ajjeefaman agarsiisa” kan jedhan dhaabbileen kunneen, “maqaa waldhabdeewwan kanaan lammiilee nagaa irratti ajjeechaa seeraan alaa fi miidhaa qaamaa qaqqabaa turuu ibsaniiru.

Kana malees miidhaa saalaa daa’immanii fi dubartoota irratti akka haaloo bahannaa fi meeshaa waraanaatti fayyadamuu, buqqaatii lammiilee, bu’uuraalee misoomsaa barbadaa’uu, namoota ugguruu, hidhaa seeraan alaa, fi qaala’iinsi jireenyaa taateewwan yaaddeessaa bara kanaa ta’uu kaasaniiru.

Rakkoowwan kunneen ammoo irra caalaan naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti daran kan hammaate ta’uu ibsan.

Dhaabbileen 10 kunneen “bara 2017 yeroo simannu qooda fudhattoonni hundi nagaaf dursa kennuun, waldhabdeewwan hunda dhaabuun, dhiittaa mirga namoomaa keessattuu miidhaawwan saala irratti hundaa’an gara bara itti aanutti akka hin ceene haqa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun akka ta’u hubachiisna,” jedhan.

Nagaan jalqaba fi bu’uura waan hundaa ta’uu kan eeran dhaabbileen kunneen, mootummaa fi qooda fudhattoonni hundi nagaaf dursa akka laatan, akkasumas mariin hidhattoota biyyattii keessa socho’an waliin eegalame akka itti fufu fi yeroo mariin nagaa gaggeeffamu adeemsa fi bu’aan isaa lammiileef ifa akka godhamu hubachiisaniiru.

Dabalataan, waldhabdeewwan kutaalee biyyattii garagaraa keessatti gaggeeffamaa jiran karaa nagaan akka hiikaman, haqa fi itti gaafatamaan akka mirkanaa’u, miidhaawwan saalaaf xiyyeeffannoon akka laatamuu, akkasumas dhaabbilee siivikii fi gaazexeessitootaaf haalli mijaawaa akka uumamu gaafataniiru.

Dhaabbilee Siivilii biyya keessaa 35 waamicha nagaa walfakkaataa bara darbe dabarsaniin, bara 2016 keessatti nagaa itti fufiinsa qabu akka dhufuuf irratti hojjatamu akka qabu, mirgi namoomaa akka eegamu fi haaromsi dimokiraasii guutuu akka taasifamu gaafachuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button