Itoophiyaan loltoota biyyattii ilaalchisee himannaa Somaaliyaa irraa dhiyaate ‘bu’uura hin qabu’ jette 

Finfinnee, Waxabajjii 27/2024 – Itoophiyaan himannaa Somaaliyaa irraa “loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa ce’uun Somaaliyaa seenan” jedhamee dhiyaate kufaa taasiste. Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Nabiyyuu Tadlaa, Somaaliyaan himata Mana Maree Nageenyaa UN’tti dhiyeessite ”bu’uura kan hin qabne” jechuun ibsan. 

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma Somaaliyaa irratti walgahii Wiixata darbe gaggeesse irratti UNtti bakka bu’aa Somaaliyaa kan ta’an Abukar Osmaan, loltoonni Itoophiyaa qaama loltoota Gamtaa Afrikaan ramadaman hin taane ”kallattiiwwan hedduun” daangaa Somaaliyaa cabsanii seenan jechuun himatanii turan.

Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa gama isaanii yaada BBCtti laataniin loltootni Itoophiyaa Gamtaa Afrikaa jala fi waliigaltee biyyoota lamaaniin bobbaafaman Somaaliyaa keessa jiraachuu eeruun, “waan haaraan amma mudate hin jiru,” jedhan. 

“Ajajoota waraanaa humna ittisaa Itoophiyaa sochii naannichaa hogganan waliin mari’anneerra. Odeeffannoo qabnuun yaaddoo nageenyaa fuulduratti dhufuu malu ittisuuf kan dandeessisu shaakala waraanaa idileeti kan gaggeeffamaa ture” jedhan.

Itti dabaluun wal jijjiirraan humna waraanaa fi dhiyeessii loojistkii akkuma kana dura godhamaa ture ammas jiraachuu kan himan dubbii himaan kun, waraanni Itoophiyaa daangaa Somaaliyaa gale jedhamuun himanni dhiyaate ”bu’uura kan hin qabne” jedhan.

Dhuma torban darbe loltoonni Itoophiyaa garee Al-Shabaab adamsaa hayyama mootummaa Somaaliyaa malee daangaa Somaaliyaa qaxxaamuruun kiiloomeetira 70 seenanii akka turan miidiyaaleen biyyattii gabaasaa turaniiru. 

Bulchaan magaalaa Maatabaan loltoonni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab hordofanii hayyama mootummaatiin ala daangaa Somaaliyaa ce’uu erga ibsanii booda, miseensonni raayyaa ittisaa Itoophiyaa kun gara irraa dhufanitti deebi’uu dubbataniiru.

Loltoonni Itoophiyaa kutaalee Somaaliyaa keessa argaman gara kuma 10tti dhiyaatu. Gamtaa Afrikaa jala loltoota gara 3,000 ta’an, akkasumas waliigaltee biyyoota lamaaniin loltoota Itoophiyaa 5,000 hanga 7,000 ta’an bakkeewwan Somaaliyaa adda addaa keessa qubatanii argamu.

Dhuma baatii Caamsaa keessatti Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Pirezedaantii Somaaliyaa kan ta’an Huseen Sheek Alii, loltoonni Itoophiyaa hundi hanga dhuma bara 2024tti Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan akka eegamu dubbachuun isaanii ni yaadatama. AS

Exit mobile version