Manni murtii Maalaawwii du’a godaantota Itoophiyaa 29 walqabatee himata ilma pirezidaanii duraanii irratti dhiyaate addaan kute

Finfinnee, Waxabajjii 20/2024 – Ilmi pireezidaantiin duraanii Malaawwii kan ta’e Taadikiiraa Maafubzaa daddabrsa namaafi godaantota Itoophiyaa waggaa lama dura Malaawwiitti du’aniin walqabatee himanni irratti dhiyaate addaan cite.

Taadikiiraan Sadaasa bara 2022 keessa du’a lammiilee Itoophiyaa 29 kan reeffi isaanii awwaala jumlaa keessaa argameen shakkamee namoota torba biroo waliin to’annaa jala oole ture.

Poolisiin biyyattii ibsa yeroos kenneen godaantotni kunneen karaa Maalaawwiitin gara Afrikaa Kibbaatti imalaa akka turan poolisiin shakkuu ibseera. Awwaalchi julmaa gondaantota kanneen kaaba biyyattii naannoo Mzimbaa jedhamutti eeruu jiraattotaan argame. 

Ilmi pireezidaantii biyyattii duraanis du’a lammiilee Itoophiyaa keessaa harka nama karaa seeraan alaa daddabaruu irratti hirmaateera jedhamee shakkamuni kan to’atamee himanni irratti baname.

Ji’a 19 booda manni murtii ilma pirezidaantichaa bilisa jechuun himata irratti dhiyaate addaan kuteera. 

Murtee kana booda abukaatoon Taadikiiraa, “murtee kanatti baay’ee gammanneerra,” jechuu isaanii BBCn gabaaseera. Abbaan alangaa garuu ilmi pirezidaantii duraanii bilisa bahuun akka isa ajaa’ibsiise beeksise.

Maalaawwiin biyya qaxxaamuraa daandii lafaa gara Afrikaa Kibbaatti geessu irratti argamtu yoo taatu, ‘Daandii Kibbaa’ jedhamuunis beekamti. Daandii kana irra caalaan kan itti fayyadaman godaantota seeraan alaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa irraa dhufan carraa dinagdee barbaacha hanga Afrikaa Kibbaa, Keep Taawunitti imalaniiti.

Bara 2022 baatii Amajjii hanga Fulbaana giddutti godaantota seeraan alaa 221 poolisiitin kan to’ataman yoo ta’u, isaan keessaa 186 lammiilee Itoophiyaa ta’uu poolisiin Maalaawwii ibseera. AS

Exit mobile version