ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Masriin guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa “guutummaan guutuutti akka hin fudhanne” ibsite 

Finfinnee, Fulbaana 02/2024 – Guutinsa marsaa shanaffaa Hidha Haaromsaa hordofee Masriin xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ergiteen, adeemsi guutinsa bishaanii hidha kanaan ”imaammata gar-tokko” jechuun guutummaan guutuutti akka hin fudhanne ibsite. 

Xalayaan Ministira Dhimma Alaa Masrii Badir Abdilaatiin mallatteeffame kun, gochi Itoophiyaa “qajeeltoowwan seera addunyaa fi Waliigaltee Qajeeltoo (DOP) Masrii, Sudaan, fi Itoophiyaa gidduu mallatteeffame kan cabsuudha” jechuun himateera.  

Waliigaltee Qajeeltoo bara 2015 mallattaa’e, qajeelfama guutinsa marsaa jalqabaa kuufama bishaanii Hidha Haaromsaa, kan ijaarsa hidhichaa wajjin walfaana ta’uuf yaadame irratti waliigaltee irra ga’amuu akka qabu ibsa.

Itoophiyaan kanaan dura guutinsi hidhichaa adeemsa uumamaa ijaarsa isaa waliin wal-simu akka ta’uu taasistee turte. Qondaalli olaanaan ministeera bishaanii Itoophiyaa tokko AFP’tti akka himanitti, ”guutinsi bishaanii ijaarsa hidhichaa waliin wal-sima.”

Xalayaan Ministira Dhimma Alaa Masrii barreesse kun, guutinsa marsaa shanaffaa fi xumura ijaarsa konkiriitii Hidha Haaromsaa ilaalchisee yaadni dhiheenya kana Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kennan gama Masriitin ”fudhatama kan hin qabne” ta’uu hubachiiseera. 

Kana malees Masriin, adeemsi Itoophiyaan itti deemaa jirtu ”tasgabbii naannichaa balaadhaaf kan saaxilu” jechuun yaaddoo qabdu ibsiteetti.  

Masriin qabeenya bishaanii fi dantaa biyyaalessaa ishee eegsisuuf akkaataa Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin ”tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda fudhachuuf qophii ta’uu” ibsiteetti.

Ibsi Masrii kun kan bahe erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad haasawaa tibbana taasisaniin Hidha Haaromsaa bara dhufu akka xumuramuu fi tarbaayinoonni 3ffaa fi 4ffaan hidhichaa hojiitti akka seenan beeksisuu isaanii hordofeeti.

Xalayaan Ministira Dhimma Alaa Masrii irraa barreeffame kun ammoo, Ministirri Muummee Abiy Ahimad bishaan laga Abbayyaa gar tokkoon qabachuun ijaarsi konkiriitii hidhichaa xumuramuu ibsu isaanii “Masrii biratti fudhatama hin qabu” jedheera. 

Masriin ibsa kana kan baafte waliigaltee waraanaa Kaayiroo fi Moqaadishoo irra ga’an hordofee Somaaliyaatti meeshaa waraanaa fi loltoota bobbaasuun ishee naannichatti muddama yeroo hammeesseetti. 

Masriin torban darbe qondaaltota waraanaa fi meeshaalee gurguddoo gara Somaaliyaa Moqaadishootti erga bobbaaste booda muddamni siyaasaa Gaanfa Afrikaa daran hammaateera. 

Kana hordofee mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen, Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu “balaadhaan kan guutame” jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” kan jedhe ibsi Ministeerri Dhimma Alaa kun, Itoophiyaan naannicha keessatti wantoota nageenya ishee balaadhaaf saaxiluu danda’an dammaqinaan hordofaa akka jirtu ibseera.

Bulchiinsi of-bulchuu labsite Somaalilaandis, waraanni Masrii Somaaliyaa keessa bobbaafamuun “rakkoo nageenya Gaanfa Afrikaa hammeessa” jechuun cimsitee kan mormitu ta’uu ibsiteetti. AS

Related Articles

Back to top button