ODUUSIYAASA

Oduu: Naannawa Gondaritti haleellaa meeshaa gurguddaan raawwatameen lubbuu namoota 20 darbe

Finfinnee, Onkoloolessa 03/2024 – Dhuma torban darbe naannoo Amaaraa naannawaa magaalaa Gondaritti haleellaan meeshaa waraanaa gurguddaan raawwatameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 20 darbuu jiraattoonni himan.

Jiraattonni godina Guddugaleessa Gondar aanaa Dambiyaa ganda Ayambaa akka Addis Standard’tti himanitti, haleellaan kun Fulbaana 29, 2024 raawwatame.

Kana malees, godina Gondar Kibbaatti humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti lolli cimaan hanga Kibxata ganamaatti itti fufuu maddeen Addis Standard himaniiru.

Jiraataan ganda Ayambaa maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko, “humnoonni nageenyaa mootummaa kaampii Azazoo keessa qubatan meeshaalee waraanaa akka ZU-23, BM, fi mortaar dhukaasaa turan” jechuun taatee ture ibseera.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan namoonni nagaa yeroo sana ganda Ayambaa irraa baqachaa turan rukutamuun ajjeefamuu hime.

Du’a namoota 20 Dilbata darbe gabaafameen alatti, haleellaa kanaan miseensonni maatii tokkoo kan ta’an namoonni sadii miidhamuu maddi kun eereera.

Jiraataan magaalaa Gondar kan biraa gama isaatiin, torban darbe naannawaa Gondar iddoowwan adda addaatti haleellaa qilleensaa fi walitti bu’iinsa cimaa meeshaa waraanaa gurguddaan deeggarame mudachuu Addis Standard’tti himeera. 

Hanga kaleessa galgalaatti godina Gondar Kibbaa keessatti bakka hedduutti lolli cimaan akka itti fufee jiru maatiisaa naannicha argaman irraa dhaga’uu ibseera.

Akkasumas, godina Gondar Kibbaa keessatti aanaalee akka Ebinnaat, Gaayint fi Kimmir Dingaay keessatti haleellaan qilleensaa raawwatamuu eereera.

”Naannolee tibbarra jiran dabalataan naannoo mana jireenyaa namoonni nagaa jiraatanitti boombiin akka darbatame dhaga’eera,” jechuun jiraataan kun dabalee dubbateera.

Naannoo Amaaraa godina Giddugaleessaa fi Kibba Gondar keessatti lolli cimaan magaalota keessa itti fufee jiraachuu gabaasaalee tibbanaa ni mul’isu. Walitti bu’iinsi kun lubbuu namoota nagaas galaafachaa jira.

Ji’oottan 14 darbaniif humnoota Faannoo waliin lolarra kan jiru Raayyaan Ittisa Biyyaa fi mootummaan naannoo Amaaraa ibsa waloo Onkoloolessa 01, 2024 kennaniin, naannicha keessatti “nagaan guutummaatti hanga mirkanaa’utti duula seera kabachiisuu akka itti fufu” ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button