ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti sarbiinsi mirga namoomaa yaaddeessaa ta’uu KMNI ibse

Finfinnee, Caamsaa 29, 2024 – Walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti iddoo garaagaraatti mudachaa jiruun walqabatee sarbiinsi mirga namoomaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti raawwatamaa jiru haalaa yaadessaa keessa jiraachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaaseera.

KMNI ibsa baaseen, naannichatti waraana humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu hordofuun miidhaan sarbiinsa mirga namoomaa lammiilee nagaarra gahaa jiraachuu ibseera. Miidhaan qaamaa, ajjeechaa, saamicha, buttaa, buqqaatiin mudachaa jiraachuu eeruuun mootummaan federaalaa “tarkaanfii hatattamaa” akka fudhatu gaafateera.

Qabsoon hidhannoo naannoo Oromiyaatti yeroo dheeraaf gaggeeffamaa jiru hordofuun sarbiinsi mirga namoomaa hammaachaa dhufuun sadarkaa yaaddeessaarra gahuu ibsichi eereera.

Naannoo Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti Muddee 15, 2016 ALI ganama keessaa naannoo sa’aatii 1:30 tti haleellaa diroonii raawwatameen namoonni Bayyanaa Xiiqii, Guddataa fiixee, Habtaamuu Nigaatuu, Taaddee Mangashaa, Daammanaa Likkaasaa, Dhugaasaa Waakkannee, daa’ima Abdii Xilaahuniifi daa’ima Ibsaa Tarreessaa jedhaman namooonni saddeet ajjeefamaniiru. Namoonni Sintaayyoo Taakkalaa, Shittoo Immiruu, Tameenuguseefi Alamiii jedhaman madaa’aniiru.

Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda BaRrootti haleellaa diroonii Muddee 25, 2023 ganama dallaa Waldaa Muluu Wangeelii irratti raawwatameen lubbuun amantoota saddeet darbuu fi sadi madaa’uu Addis Standard gabaasee ture.

Akkasumas, naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Dharraatti “miseensonni Waaraana Bilisummaa Oromoo” haleellaa namoota nagaarratti raawwataniin namoota nagaa lama rasaasaan ajjeesaniiru jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun, godina Gujii Lixaa aanaa Galaan Abbayyaa ganda Ergoonsaatti namoota talaallii dhibee Gifiraa kennuuf imalaa turan irratti haleellaa banameen itti aanaa biiroo fayyaa aanichaa dabalatee namoonni lama ajjeefamuun sadii qaamaan miidhamaniiru.   

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Godina Shawaa Kibalixaatti haleellaa humnoonni WBO himata humnoota mootummaa deeggartu jedhuun bananiiru jedheen lubbuun namootaa darbuus ibseera.

Hokkorri walfakkaataan gara naannolee Affaar, Somaalii, Sidaamaafi naannoo Kibba Itoophiyaa, naannoo Gidduu-galeessa Itoophiyaafi magaala Finfinneetti  babal’achuun sarbiinsi mirga namoomaa raawwatameeras jedhe.

Akkasumas, walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti mudateen ajjeechaa jumlaa, hidhaa seeraan alaa, humnaan butanii dhabamsiisuu, haleellaa qilleensaa lammiilee nagaa adda hin baafanne, miidhaa qaamaafi manca’iinsa qabeenyaa gaggeeffamuu ibsichi ifoomseera.

Naannoo Amaaraatti Guraandhala 15 hanga 28 ALI’tti godina Lixa Gojjaam aanaa Dagaa Daamoot gandoota Ziqu’aalaa Wagam, Faras Beet 01, Gasaagisiifi Gudibaa Saqalaa) fi aanaa Sakalaa (Aguut, Gundilfi Ambiisiifi magaalaa Gishee Abbaayitti haleellaa humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti gaggeeffame hordofuun ajjeechaa, miidhaa qaamaafi manca’iisni qabeenyaa raawwatamuu himeera.

Godina Kaaba Gojjaam aanaa Meeccaa Ganda Biraaqaatitti Guraandha 20 ALI humnoonni mootummaa barattoota 11 ajjeesuun saddeet halkan tokkoof too’annoo jala tursiisuun bariisaa gadi lakkisaniiru jedheera.

Bitooteessa 02,2016 ALI hidhattoonni godina Addaa Saba Oromootii ka’an eenyummaansaanii adda hin baafamin haleellaa godina Shawaa Kaabaa bulchiinsa Efraataa Gidimiifi Qawatitti bananiin lammiilee nagaa ajjeesuu, miidhaa qaamaa qaqqabsiisuu, qabeenyi manca’uufi manneen jireenyaa gubachuu gabaaseera.

Kana malees, haleellaa magaala Baahirdaaritti Guraandhal 06, 2016 ALI  lammiileen nagaa sadii too’annoo humna nageenyaa jala erga oolfamanii booda ajjeefamuu gabaasichi eereera.

Akkasumas, kutaa magaalattii, Gaajjaa Mask iddoo jedhamutti Bitootess 29, 2016 ALI galgala keessaa naannoo sa’aatii tokkootti qaama eenhymmaansaa hin beekamneen haleellaa raawwatameen amantoota amantiii Islaamaa solaatanii deebi’aa turan shan ajjeefamuu ibsichi dabalee addeesseera.

Godina Kibba Gondar aanaa Astee ganda Agonaa keessatti Ebla 7, 2016 ALI halkan keesss sa’aatii saditti humnoonni nageenya mootummaa lammiilee nagaa torba ajjeesaniiru, gabaasichatu jedhe. Manneen jireenyaa hedduus abiddaan gubamuun niraaattonni 100 ol qe’eesaanirraa buqqa’aniiru jedhame.

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Qawat ganda Tareetti haleellaa dirooniitiin namoonni nagaa lama ajjeefamuun sagal madaa’aniiru jedheera.

Kana malees, haleellaa humnoonni hidhattota Faannoo naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaatti bananiin lammiilee nagaa 25 ajjeesuun namoota nagaa hedduu butaniiru jedhe.

Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti haleellaawwan walfakkatoon garaagara raawwatamuu ibsuun gochaawwan kunneen qoratamuun yakkamtoonni seeratti akka dhiyeeffaman KMNI gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button