Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti amantoonni Waaqeffannaa 80 ol hidhaman

Finfinnee, Waxabajjii 27/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti Jimaata darbe Waxabajjii 21, 2024 yaa’ii walakkeessa waggaa amantii Waaqeffannaa godina Harargee Bahaa gaggeeffamaa ture gidduu poolisiin seenee amantoota Waaqeffannaa 80 ol hidhuu gaggeessaan amantichaa himan.

Itti-gaafatamaan Kominikeeshinii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Obbo Lammaa Baayii Addis Standard’tti akka himanitti, miseensonni koree qindeessituu 25 waldoota godina Harargee bahaa fi aanaa Baabbilee irraa babbahan amantoota 54 waliin Jimaata darbe irraa kaasee buufata poolisii aanaa Baabbileetti hidhamanii jiru.

”Amantoonni 54 gara buufata poolisii Baabbileetti dabarfamu isaaniin dura guyyootaaf kaampii waraanaa keessatti hidhaman. Amma miseensota koree 25 waliin buufata poolisiitti argamu. Dabalataan, namoonni sadi hidhamtoota gaafachuuf garas dhaqanis hidhamaniiru. Waliigalaan namooni 82tu hidhame, baay’een isaanis dargaggoota,” jedhan. 

Gaggeessaan waldaa Waaqeffannaa Harargee Bahaa kan ta’an Taaji Mohaammad, akkasumas dureewwan amantichaa Raaji Badhaadhaa fi Abdataa Boggaala, akkasumas barsiisaa amantii Waaqeffannaa kan ta’an Zawudee Girmaa (PhD) kanneen hidhaman keessaa akka argaman Obbo Lammaan himaniiru.  

Akka Obbo Lammaa jedhanitti, poolisiin qorannoo gaggeessuuf akka yaade ibsuus hidhamtoonni kunneen mana murtii osoo hin dhiyaatiin guyyoonni jaha darbaniiru.  

“Amantoonni kunneen sababa ibsame tokko malee hidhamanii jiru. Hidhamuu isaanii torban lama dura sirni amantii gaggeeffataa turan dirqamaan akka addaan citu taasifame ture. Asxaan amantichaas ciccirameera. Amantiin kun godinicha keessatti dhiibbaan garagaraa irra gahaa jira. Waaqeffattoonni hedduu sirna waaqeffannaa irratti dhagaadhaan rukutamaniiru,” jedhan Obbo Lammaan.

Dhimma kana irratti poolisii aanaa Baabbilee irraa Inispeektar Taaju Mohaammad gaaffii Addis Standard dhiyeesseef deebii hin kennine. Kana malees, qondaaltota aanaa Baabbilee fi godina Harargee Bahaa irraa yaada argachuuf yaaliin godhame hin milkoofne.

Hordoftoonni amantii Waaqeffannaa yeroo dheeraaf rakkoo lafa waaqeffannaa fi bakka awwaalchaa argachuu dhabuu dabalatee komiiwwan garagaraa dhiyeessaa turaniiru. AS

Exit mobile version