ODUUSIYAASA

Oduu: Hawaasni idil-addunyaa "sarbiinsi mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru" isa yaaddessuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2024 – “Sarbiinsi mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti mudachaa jiru” isaan yaaddessuu ibsuun mootummaan “marii nageenyaatiin” rakkoo jiru akka furu biyyoonni 45 gaafatan.

Ibsa biyyoonni miseensa Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) 57ffaa irratti Onkololeessa 10 baasaniin, fooyya’iinsi gaarii jiraachuu eeruun ammas biyyattii keessa rakkoon jiraachuu himaniiru.

Labsiin yeroo muddamaa naannoo Amaaraatii kaafamuu simachuun qaamoleen hundinuu marii nageenyaa taasisuun hokkora hir’isuun naannoo Amaaraafi Oromiyaatti nagaan akka bu’u waamicha taasisaniiru.

Haa ta’u malee, sarbiinsa mirgaa qaamoleen mootummaafi miti-mootummaa raawwatan kan akka “hidhaa jumlaa, ajjeechaa, dararrii, humnaan dhabamsiisuu, haleellaa koornayaa fi balaa lammmilee nagaarra gahu” yaaddeessaa dha jedheera. Mirga yaada ibsachuu, mirga walgahii, gaazexeessitootaafi dhaabbilee sivilii ugguramuun isa yaaddeessuu akkasuma dhaabichi ibseera.

Ibsi kuni kan bahe Itoophiyaan miseensa Mana Marii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootumoota Gamtoomanii ta’uun si’a sadaffaaf filatamuu hordofeeti.

Waliigalteen Piriitooriyaa hojiitti akka hiikamus biyyoonni kunneen gaafataniiru. Nageenya itti fufaa mirkaneessuuf waliigaltee raawwatame kabajuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaan beekamtii Imaammata Ce’umsaa Haqaatiif kenniteef beekamtii kennuun mootummaan “ce’umsa amansiisaa, miidhamtootaaf beenyaa kaffaluufi adeemsa ce’umsa haqa-qabeessaafi bilisa ta’e” kan seera idiladdunyaa kabaje hojiitti akka hiiku biyyoonni kunneen gaafataniiru.

Aanga’oonni Itoophiyaa “gargaarsa teeknikaa [Biiroon Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaa kennaa] jirutti guutumatti akka dhimma bahan” garichi waamicha taasiseera. Kana malees, too’annoofi hordoffiin akka taasifamu garichi gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button