ODUUSIYAASA

Oduu: ONLF haasawaan Ajajaa Waliigalaa Waraana Itoophiyaa “bu'uura hin qabu" jechuun balaaleeffate 

Finfinnee, Fulbaana 13/2024 – Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) ibsa baaseen haasawaa Ajajaan Waliigalaa Rayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa tibbana waa’ee paartichaa dubbatan jedhame “cimsee kan balaaleeffatu” ta’uu ibse. 

Ibsi ONLF kun suur-sagalee marsaa odeeffannoo yuutubii ‘Ethio Forum’ jedhamutti Fulbaana 08, 2024 tamsa’e irratti Fiildi Maarshaal Birhaanuun, ONLF “diina Itoophiyaa Masriidhaan uumame” jedhanii dubbatan jedhame eereera.

Paartichi ibsa isaatiin, haasawaan Fiildi Maarshaal Birhaanuu taasisan jedhame kun “bu’uura kan hin qabne” fi “haleellaa amanamummaa fi seera qabeessummaa ONLF irratti xiyyeeffate” jechuun ibse.

Dhaabbatichi haasawaan jedhame kana hafuura waliigaltee nagaa bara 2018 keessatti Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) fi mootummaa Itoophiyaa gidduu Eertiraa, Asmaraatti mallattaa’e kan faallessu ta’uu ibseera.

Paartichi ibsa isaatiin, mootummaan Itoophiyaa “dhugaa qabeessummaa suur-sagalee kanaa hatattamaan akka qulqulleessu” akkasumas “ibsi kenname dogoggoraan kan hiikame yoo ta’e ifatti akka haalu” gaafateera.

Haasawaan sun yoo mirkanaa’e, mootummaan “haasawaa miidhaa geessisu kana irraa adda of baasuun deebii ifaa fi ariifataa akka kennu, akkasumas waliigaltee nagaa kanaaf kutannoo akka qabu irra deebi’ee akka mirkaneessu” gaafateera.

Dhaabbatichi adeemsa nagaaf kutannoo akka qabu kan ibse yoo ta’u, “mirga hiree murteeffannaa ummanni Somaalee akka seera addunyaa fi heera Itoophiyaatiin beekamtii argateetti karaa siyaasaa nagaan dhugoomsuuf” yaalii taasisu akka itti fufu ibseera.

Haa ta’u malee, “motummaa Itoophiyaa callisuu fi tarkaanfii fudhachuu dhabuun isaa fudhatama akka hin qabne”, kunis dhaabbatichi “ejjennoo fi tarkaanfii isaa gara fuulduraa akka irra deebi’ee madaalu” taasisuu mala jedhe. AS

Related Articles

Back to top button