ODUUSIYAASA

Oduu: 'Qabsoon uummanni Tigraay waggoota darban keessa taasise kan boonsu malee kan gaabbisiisuu miti' - ABUT

Finfinnee, Guraandhala 6/2025 – Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) kan Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu waamicha Ministira Muummee Abiy Ahimad tibbana taasisan hordofee ibsa kaleessa Guraandhala 5 baaseen, nageenyi hayyoota fi uummata Tigraayiif “filannoo jalqabaa” ta’uu beeksise.

Muummichi Ministira Abiy Ahmad (PhD) waamicha uummata fi hayyoota Tigraayiif Guraandhala 03 taasisaniin uummata naannichaa irra deddeebiin waraanaan miidhamuu ibsuun, ummanni gara misoomaa fi dandamachuutti deebisuuf akka waliin hojjatan gaafachuu isaanii ni yaadatama.

Waamicha MM Abiy hordofuun Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ibsa baaseen, filannoon jalqabaa ummata Tigraay nagaa ta’uu ibsuun, hawwii uummanni Tigraay nagaa guutuu argachuuf qabu galmaan gahuuf hunduu gahee ijaarsaa akka taphatu waamicha dhiheesseera. 

Paartii kamuu waliin karaa nagaa hojjechuuf qophii ta’uus beeksise. “Humnoota nagaa barbaadan hunda waliin hojjechuuf, kaleessa, har’as, borus qophii ta’uu keenya mirkaneessuu barbaanna,” jedhe.

Ministirri Muummee Abiy ergaa isaanii keessatti ummanni Tigraay jaarraa hedduuf lola keessa akka ture, keessumaa immoo waggoota dhibba darban keessatti yeroo adda addaa fi sababoota adda addaatiin mootummaa giddu galeessaa waliin walitti bu’iinsa keessa seenuun kasaaraa irra ga’uu yaadachiisaniiru. 

“Lafti Tigraay dirree waraanaa taatee jirti, ummanni Tigiraayis meeshaa waraanaa ta’eera,” jedhan.

Kanaaf, hayyoonni “Tigraay fi ummanni ishee waraana kanarraa faayidaa argataniiru moo dhabaniiru” jedhanii gaafachuun deebii akka argatan dhaamaniiru.

ABUT ibsa isaatin waggoottan dhibba darban keessa waraanni ummanni Tigraay gaggeessaa ture “jireenya isaa mirkaneessuuf, cunqursaaf harka akka hin kennineef” ta’uu eeruun, “qabsoo ummanni Tigraay geggeessaa jiru kan nama boonsu malee kan nama gaabbisiisu miti” jedhe.

Qabsoon ummataa fi hayyoonni Tigraay taasisan “birmadummaa, bilisummaa, fi kabaja isaaf” ta’uu kan kaase ibsichi, itti dabaluun “ummanni Tigraay aadaa waraanaa hin qabu” jedhe.

“Kan gaabbuu qaban sirnoota uummata Tigraay biyya ijaaruudhaaf wareegamaa ture alagaa affeeruudhaan ajjeesisanidha,” jedhe.

Itti dabaluun, “ummanni fi hayyoonni Tigraay seenaa Itoophiyaa keessatti qooda guddaa qabaatanis, sirna Itoophiyaa keessaa ba’anii akka lammii lammaffaatti akka jiraataniif wanti hin yaalamne hin jiru” jechuun ibseera. 

Ummanni Tigraay karaa adda addaatiin nagaa buusuuf kutannoo akka qabu irra deebiin kan mirkaneesse ibsi paartichi, “ummanni Tigraay fedhii nagaa cimaa waan qabuuf, qaamonni dhimmi ilaallatu hundinuu waliigaltee Piritooriyaa, kan waraana duguuggaa sanyii xumure, guutummaatti hojiirra akka oolchan waamicha gochaa jira” jedhe.

Itti dabaluudhaan “Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa hojiirra ooluu hin dandeenye, lafa hin buune”  kan jedhe ibsichi, ummanni Tigraay nageenyi hojiirra akka oolu fedhii fi deeggarsa isaa ni bahata jedhe.

“Nageenya keenya diriirsuu fi itti fufiinsa isaa mirkaneessuuf humna keenya hundaan akka hojjennu mirkaneessuu barbaanna. Waamichi nageenya tokkoyyuu akka addaan hin cinneef ni hojjenna” jedhe.

Kana malees, ummata Tigraay “garbummaa jalaa baasuu”, kan qe’ee isaa irraa buqqa’e  nageenya isaa mirkaneessuun qe’eetti deebisuu, tokkummaa naannichaa eegsisuu, humnoota duguuggaa sanyii ummata irratti raawwatan itti gaafatama gochuun nagaa ummata Tigraay gara fuula duraatiif murteessaa ta’uu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button