ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: 'Rakkoon Somaaliyaa nageenya Gaanfa Afrikaa booressuu hin qabu’- Itoophiyaa

Finfinnee, Hagayya 30/2024 – Itoophiyaan Ergamni Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) Muddee 2024 hojiisaa yeroo xumuru caasaa nagaa kabachiisaa hundaa’u keessatti hirmaachuu baattuus, “rakkoon Somaaliyaa nageenya naannichaa [Gaanfa Afrikaa] booressuu hin qabu” jette.  

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen dhimmoota haala yeroo naannawaa Gaanfa Afrikaa irratti har’a gaazexeessitootaaf ibsa laataniiru. 

“Fedhiin Itoophiyaa waldhabdee dhiheenya kana Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin uumame mariidhaan hiikuudha” kan jedhan Ambaasaaddar Taayyeen itti dabaluudhaan, Somaaliyaan akka biyyaatti akka dhaabbattu Itoophiyaan gatii guddaa kaffaluu ibsaniiru.

Itoophiyaan humnoota nagaa kabachiisaa hedduu gumaachuudhaan wareegama kafaluu irraa kaasee tattaaffii adda addaa gochaa akka turtes ibsaniiru. Fedhiin biyyoota hedduus “caasaa nageenyaa Itoophiyaa giddu galeessa godhate qabaachuu” akka ta’e dubbataniiru.

Kana malees, “biyyoota hedduu biratti yaadni ‘wanti Itoophiyaan irratti hin hirmaanne hundi bu’aa hin qanu’ jedhu jira” jedhan. 

“Humni nagaa kabachiisaa Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa )ATMIS) booda dhufu Itoophiyaa fi naannichaaf balaa nageenyaa ta’uu hin qabu” jedhan. Dabalataan, “ta’uus mootummaan Somaaliyaa hanga humna nageenyaa isaa guutummaatti to’achuu danda’utti Itoophiyaan deeggarsa taasistu cimsitee itti fufti,” jedhan. 

Haa ta’u malee, “sochiin qaamolee nageenya naannoo keenyaa hin barbaanne waliin taasifamu kan bira darbamuu miti” ​​jechuun cimsanii dubbataniiru.

Waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame karaa nagaan furuuf mariin adda addaa Keeniyaa Naayiroobii fi Turkii Ankaaraa keessatti gaggeeffamuu eeruun, mariiwwan kunneen “bu’aa qabatamaa” argamsiisuu ibsaniiru.  

Gama Itoophiyaa irraa ammallee balballi marii akka hin cufamne kan ibsan Ambaasaaddar Taayyeen, haata’u malee “bakka bu’oonni Somaaliyaa tokko tokko garaagarummaa bal’isuu hojii guyyuu taasisaniiru” jechuun qeeqaniiru. 

Masriin Kibxata darbe qondaaltota waraanaa fi meeshaalee gurguddoo gara Somaaliyaa Moqaadishootti erga bobbaaste booda muddamni siyaasaa Gaanfa Afrikaa daran hammaateera. 

Kana hordofee mootummaan Itoophiyaa ibsa Roobii darbe baaseen, Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu “balaadhaan kan guutame” jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” kan jedhe ibsi Ministeerri Dhimma Alaa kun, Itoophiyaan naannicha keessatti wantoota nageenya ishee balaadhaaf saaxiluu danda’an dammaqinaan hordofaa akka jirtu ibseera.

Bulchiinsi of-bulchuu labsite Somaalilaandis, waraanni Masrii Somaaliyaa keessa bobbaafamuun “rakkoo nageenya Gaanfa Afrikaa hammeessa” jechuun cimsitee kan mormitu ta’uu ibsiteetti. AS

Related Articles

Back to top button