ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaa fi Eertiraan hojiirra oolmaa waliigaltee Aljeersiif waliin akka hojjetan dhaamame

Finfinnee, Muddee 13/2023 – Itoophiyaa fi Eertiraan hojiirra oolmaa waliigaltee Aljeersiif akka hojjetan mootummaan Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa gaafatan. Mootumoonni lamaan kun dhimma daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa ilaalchisee waliigaltee bara 2000 Aljersiitti mallattaa’e hojiirra akka ooluuf biyyoonni lamaan waliin akka hojjetan hubachiisaniiru. 

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa yaadannoo waliigalticha waggaa 23ffaa sababeefachuun ibsa adda addatti baasaniin, waliigalticha akka deeggaran ibsuun, “Itoophiyaa fi Eertiraa waliin hojjechuun hafuura nagaa fi tasgabbii naannichaa, akkasumas badhaadhina waloo akka mirkaneessan” gaafataniiru.

Waliigaltee seena qabeessa Itoophiyaa fi Eertiraan bara 2018 mallatteessaniin daangeeffama waliigaltee Aljersii irratti waliigalaman kabajuuf irra deebiin waadaa galuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa isaatiin yaadachiiseera. Gamtaan Awurooppaa gama isaatiin yeroon ammaa kun yeroo murteessaa biyyoonni lamaan akkaataa waliigaltichaan socho’uu qabaniidha jechuun hubachiiseera. 

Waliigalteen Aljeersi waggaa 23 dura Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti mallattaa’e sababoota waraanicha turan keessa adeemsa daangeeffama daangaa hojiirra oolchuuf kaayyeffate ta’uun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button