DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Aadaa: Seerri abbootiin gadaa Shawaa Kaabaa gaa’ilaan walqabtee tuman maal dhoorka?

Finfinnee, Muddee 02, 2023 – Abbootiin gadaa godina Shawaa Kaabaa “gaa’ila akka feeteen babal’achaa jiru”  sirreessuuf daangaafi adabbii labsuun seeraa haaraa tuman.

Akkaataa gabaasa BBCtti seerri tumame kun,  safuun cabaafi admaleen babal’achaa waan dhufeef seera haaraa tumuun barbaachisuu Abbaan Gadaa Aaanaa Kuyyuufi miseensa abbootii gadaa godinichaa kan ta’an obbo Salamoon Gofaa himaniiru.

Seeronni tumaman kunneen aadaa fuudhaafi heeruma duudhaa Oromoo ganamaa deebisuu yaadanii ta’uu himaniiru.

Gumiin kuni seerota sirna fuudhaaafi heerumaatiin wal qabatee qabxiilee haaraa sagal tumeera. Maacaa (maallaqni maatii intala dubaraaf kennamu) birrii 4,000 akka hin caalle, uffanni maatii misirroo abbaafi akaakayyuu bullukkoo tokkoofi kan haadhaa immoo qamisii tokko qofa akka ta’uu tumameera.

Seerichi uffata mucaan fuudhu intalaaf bituu qabu lakkoofsaan adda baasee kan ibsu yoo ta’u, maatiin intala heerumsiisus meeshaalee intala heerumtuuf bituu qabu adda baasee tarreesseera. Kana malees, waa’ila dubaraa godhachuun guutumatti kan dhorkame yoo ta’u misirrichi ammoo waa’ila lama qofa akka godhatus akeeka.

Akkasumas, namoota amaamota deemanii fi firaa fi fira walbarsiisuu irratti hirmaachuu qabanis lakkoofsan tumaan kuni murteesseera.

Seeronni kunneen guyyaa itti labsamanirraa hojiirra akka oolu kan himan abbootiin gadaa namni tumaa abbootii gadaa kana darbuun seericha cabse adabbii qarshii 10,000 hanga kuma 50,000 akka isa eeggatus seera bahe kanarratti eerameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button