DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Naannoo Oromiyaatti namoonni rakkoo keessa jiran gargaarsa hatattamaa kan barbaadan ta’uu dhaabbileen tola-ooltummaa ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2023 – Ummanni rakkoo nageenyaa fi uumamaatiin qe’eerraa buqqaafamanii argaman gargaarsa hatattamaa kan barbaadan ta’uu dhaabbileen tola-ooltummaa biyya keessaa ibsan

Uummani naannoo Oromiyaa sababoota rakkoo nageenyaa fi weerara dhibeetiin rakkina keessa jiru gargaarsa hatattamaa kan barbaadu ta’uu dhaabbileen misoomaa, Faawundeeshinii Misoomaa Biiftuu (FMB), Dhaabbata Tola-ooltummaa Harmee fi dhaabbata tola-ooltummaa CDCB jedhamu ibsaniiru.

Akka biiroo  Fayyaa Oromiyaa wabeeffachuun FMB ibsetti, naannooo Oromiyaatti godinaalee 16, magaalota torbaa fi aanaawwan 117 keessatti bara 2023 keessa weerarri busaa mudachuu gabaaseera.

 Weerarri busaa godinaalee Lixaa fi Qeellam Wallaggaatti hamaataa waan ta’eef ummata Jiraattota Wallagga Lixaa keessaa harki 70 fi Qeellam Wallaggaa harka 60 ta’u busaadhaaf saaxilamee argama jedheera.

Godina Wallagga Lixaatti, namoota 222,000 dhibichaan shakkamanii Hagayyaa hanga Fulbaanaatti qorataman keessaa 128,000 kan ta’an irratti argamuu ibseera. Akkasumas, godina Qeellam Wallaggaatti namoonni 51,00 ta’an dhukubichaan qabamaniiru.

Irra caalaan namoonni dhubee busaatiin lubbuun darbe kan buufata fayyaa Lixa Wallaggaa Hospitaala Beegiitti argamaniiti. Hospitaichatti  rakkoon dhiyeessii qorichaa,hir’ina ambulaansii, hojjattoonni fayyaa hojii dhaabuu fi hir’ina xaa’oo ta’uu ibsichi addeesseera.

Haaluma wal fakkaatuun, dhaabbanni tola-ooltummaa CDCB jedhamu qorannoo geggeesse jedheen sababa walitti bu’iinsa, hongee, weerara dhibee naannoo Oromiyaa keessatti itti fufee jiruun lubbuun namaa darbuu, ummatni baayyeen buqqa’uu, qabeenyi manca’uu fi hojiileen misoomaa gufachiifamuu ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akka bu’uura argannoo qorannoo CDCBtti ummatni gara miliyoona 1.3tti dhihaatu naannoo Oromiyaa keessaa buqqa’eera. Baay’ina namoota buqqaafamanii hamma Caamsaa 2023tti 210,000 yoo ta’u manneen barnootaa cufaman 739 ta’uu fi barsiisonnii fi ogeeyyiin 1,117 hojiin ala ta’aniiru jedhe.

Dhaabbanni tola-ooltummaa Harmee fi Faawundeeshiniin Misooma Waliigalaa Biiftuu Biiftuu ibsa walootiin, dhaabbilee gargarsa namoomaa mootummaa fi miti-mootummaa namoota rakkoo keessa jiran kanneen akka gargaaran waamicha taasisaniiru.

Gargaarsi hatattamaa barbaadamu gargaarsa miidhaan nyaataa fi meeshaalee biroo taasisuun weerara busaa fi dhibee hir’ina nyaataa jiru hiikuun xiyyeeffannoo jalqabaa ta’uu qabas jedhaniiru. AS

Related Articles

Back to top button