DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaan koolagaltoota simachuun Afrikaa keessaa sadaffaa taate

Finfinnee, Sadaasa 11, 2023 – Itoophiyaan koolagaltoota baay’inaan simachuun biyyoota Afrikaa keessaa sadaffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarasa namoomaa (UNOCHA) beeksise.

Akka ibsa UNOCHA’tti, Itoophiyaan Sudaaniiifi Ugaandaatti aanuun koolagaltoota 954,000 simachuun Afrikaa keessaa sadaffaa taateerti. Koolagatoota Itoophiyaatti baqatan keessaa lakkoofsa guddaa kan qaban Sudaan Kibbaa irraa yoo ta’an baqattoonni Somaaliyaa fi Eritraa Itoophiyaatti baqatan immoo baay’inaan sadarkaa lammafaafi sadaffaa ta’uu ibsichi addeesseera.

Itoophiyaan koolagaltoota simachuuf balbala ishee banaa taasisuu eeruun UNOCHAn baqattoota kanneeniif gargaarsa namoomaa raabsuuf mootummaa Itooophiyaa wajjiin hojjachaa jiraachuu himera.

Koolagatotta 954,000 Itoophiyaa keessatti argaman keessaa 417,000 Sudaan Kibbaa, 308,000 Somaaliyaa, 168,000 Eritraa, 50,000 Sudaan, 4,000 Keeniyaa, 2,500 Yaman, 1,000 Dimookraatiik Rippabliikk Koongoo fi 671 Sooriyaa irraa ta’uu ibsichi addeesseera.

Baqattoota kanneen keessaa 805,000 kan ta’an mooraa baqattootaa biyyattiii keessatti aragaman keessatti kan argaman yoo ta’u 76,000 kan ta’an immoo mooraa baqattootaan alatti kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti kan argaman ta’uu ibsi UNOCHA ni mul’isa. AS

Related Articles

Back to top button