DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Itoophiyaatti namoonni 760,000 ol ta’an balaa lolaa fi sigiga lafaan miidhamaniiru; lubbuun namoota 33 darbeera – UN 

Finfinnee, Sadaasa 17/2023 – Itoophiyaa keessatti namoonni 763,100 ta’an sababa rooba cimaa, lolaa fi sigiga  lafaatin miidhaa guddaa irraa gahuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa haaraa baaseen beeksiseera. Sababa balaawwan kanaan lubbuun namoota 33 darbuus ibse.

Akka gabaasa Qindeessaa Gargaarsa Namoomaa kun ibsutti, naannolee biyyattii Oromiyaa, Somaalee, Kibba Itoophiyaa fi Affaar balaa kanaan miidhamaniiru. 

Duuti galmaa’e hundi naannoo Somaalee keessaa yoo ta’u, balaa lolaa godinaalee 9 keessatti mudateen namootni 611,340 irratti miidhaa gaheera. Godinaalee sagal balaan kun irra qaqqabe Afder, Daawa, Doolo, Erar, Jarar, Korahee, Liban, Nogoob fi Shabalee yoo ta’an, isaan keessa Afder, Libanii fi Shabaleen baay’ee miidhamaniiru. 

Naannoo Somaalee keessatti namoota balaa lolaan miidhaman 611,000 ol ta’an keessaa kanneen dhibbeentaa 8 ta’an qofa gargaarsa argataniiru. Daandiiwwanii fi riqicha hedduu balaa lolaan sababa miidhamaniif iddoowwan balaan kun qaqqabeetti gargaarsa dhiyeessuu akka hin danda’amne ibse. Godina Adoo Doolo keessatti qofa barattootni 5,332 ta’an sababa lolaan barnoota ala ta’uun isaanis ibsameera.

Sadaasa 6 irraa eegalee naannoo  Oromiyaa keessaatti godinaalee Arsii, Baalee Bahaa fi Gujii Lixaa keessatti sababa rooba cimaatiin lolaa fi sigiga lafaa uumamuu kan ibse OCHAn, dhuma baatii Onkoloolessa irraa eegalee namootaa gara 67,600 ta’an balaa kanaan miidhamuu eereera. Akkasumas godinaalee Gujii, Jimmaa fi Booranaa Bahaa keessatti taateewwan walfakkaatan mudachuus gabaaseera.

Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessatti lolaa cimaa sababa rooba cimaa irraan kan ka’e uumameen namoonni 1,600 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru, lafa qonnaa hektaara 11,400 ol barbadaa’eera. Akkasumas manneen barnootaa 10, buufata fayyaa sadii fi ujummoo bishaanii 14 irratti miidhaa geessiseera. Kana malees, daa’imman 200 ol warra isaanii irraa adda ba’uu ibsameera.

Jalqaba baatii Sadaasa keessatti lagni Oomoo guutuu isaa irraa kan ka’een lolaa cimaa lafa olka’aa kibbaa biyyattii fi kibba lixaa irraa madduun gandoota 30 fi Aanaa Daassanach dhibbeentaa 65 lolaan miidhamuu isaanii ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Naannoo Affaar keessattis baatii Onkoloolessa keessatti laggeen Awaash fi Qabbannaa guutuu isaanii irraa kan ka’een balaa lolaa uumameen jiraattota aanaalee Dullachaa fi Awaash Fantaallee hedduu buqqaasuus ibseera.

Sababa rakkooleen uumamaa kanaan miidhaa guddaa dhaabbilee fayyaa, geejjibaa, bu’uuraalee misooma, mana barumsaa fi mana jireenya irratti qaqqabe jira kan jedhe OCHA, dhaabbileen mootummaa, manneen barnootaa, kilinika/buufata fayyaa, wiirtuuwwan hawaasaa, boolla bishaanii fi kanneen biroon naannoolee lolaan kun gahee keessatti miidhamuu ibseera. Kana malees, hawaasni naannolee kunneen keessatti balaa kanaan miidhameef gargaarsi atattamaa akka taasifamuuf waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Back to top button