ODUUSIYAASA

Oduu: EZEMA’n waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti raawwatame “milkaa’ina diiploomasii guddaadha” jedhe

Finfinnee, Amajii 18, 2024 – Paartiin Lammilee Itoophiyaa walqixxummaa Hawaasummaaf (Ezema) ibsa har’a baaseen, waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduuutti mallattaa’e “milkaa’ina diiploomaasii guddaa” seera Mootummoota Gamtoomanii keeyyata 125 kan seera itti fayyadama galaanaa labsu kan kabajeedha. 

Hawaasa addunyaa irraa beekamtii haa dhabdu malee Somaaliilaand hawaasa addunyaa waliin hariiroo kan qabdu ta’uu eeruun waliigalteen mallattaa’e kuni faayidaa biyyoota lamaanii kan kabachiisuudha jedhe.

Dura taa’aa paartii Ezema fi ministeera barnootaa kan ta’e Pirofeessar Biraanuu Naggaa waliigalteen kuni karaa nagaa, diiploomaatawaafi seera-qabeessa ta’een of eeggannoodhaan hojiirra akka oolu akeekkachiseera.

“Biyya akka Itoophiyaa ulaa galaanaa hin qabneef faayidaa diinagdee qofa osoo hin taane dhimma faayidaa biyyaalessaafi lubbuun jiraachuuti,” jechuun ulaa galaanaa argachuun karoora paartichi bara 2019 baase ta’uu eereera.

Haa ta’u malee, gabaasni miidiyaaleen mootummaa tokko tokko baasaa jiran diiploomaasi adeemsifamaa jirurratti dhiibbaa akka hin uumne akeekkachiiseera. Duulli miidiyaa gaggeeffamu seeera idiladdunyaa ilaalcha keessa kan galche akka ta’u hubachiiseera.

Waliigalteen ulaa galaanaa argachuu kan taasfamu haala seerota ittiin bulmaata idiladdunyaa kabajuun raawwachuun guddina diinagdee biyyaatiif keenyaatiif barbaachisaa ta’uu eereera. Biyyoota ollaafi naannichaa walii hariiroo gaarii uumuun dhimma ijoo ta’uus paartichi ibseera.

“Hariiroon biyyooni naannichaa biyyoota ormaa waliin taasisan” haala jiru hammeessuun birmadummaa biyyattiirratti dhiibbaa uummuu danda’as jedheera. Kana malees, “nageenya biyya keessaafi rakkoowwan keessoo mariidhaan furuun” dantaa biyyaalessaa tiksuuf bu’aa kan qabu ta’uu hmeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haaluma walfakkaatuun, Manni marii Paartiilee Siyaaasaa Itoophiyaa ibsa Amajii 10, 2024 baaseen, waliigaltee galaanaa Itoophiyaafi Somaaliilaand kana kan “guutumatti” kan deeggaruu ta’uu ifoomseera. Manni maree naannoo Amaaraa fi Oromiyaa waliigaltichi kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Waliigalteen ulaa Galaanaa Amajjii 01, 2024 itoophiyaaafi Somaaliilaand gidduutti mallatteeffamuu hordofee Somaaliyanan waliigalteen kuni dantaa ishee kan hubu waan ta’eef fudhatama hin qabu jettee ture. Sana booda waldhabdeen biyyoota lamaan gidduutti uumame karaa nagaatiin akka furamu Gamtaan Afrikaa ibsa guyyaa kaleessaa baaseen addeesseera.

Akkaataa waliigaltee ulaa galaanaa kanaatiin Itoophiyaan ulaa qarqara galaanaa mataashee lafa 20km ta’uurratti kan ijaarrattu yoo ta’u isheenimmoo Somaaliilaandiif beekamtii kennuuf kan dirqamtu ta’uu gabaafameera. Somaaliilaand erga bara 1991 Somaaliyaaarraa fottoqxee birmadummashee labsitee asitti hawaasa idiladdunyaafi biyyoota ollaa irraa beekmatii argachuun dhaabbilee idiladddunyaa waliin hariiroo qabdu cimsachuu barbaaddi. AS

Related Articles

Back to top button