ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan ibsa Liigiin Arabaa baase cimsitee mormite

Finfinnee, Amajjii, 17, 2024 – Itoophiyaan ibsa Liigiin Arabaa baase cimsitee kan mormitu ta’uu Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ibsan.

“Itoophiyaan ibsa Liigiin Arabaa baase ifatti mormiti. Ibsichi dhimma keessoofi birmadummaa Itoophiyaa keessa galuuf yaalii taasifamuudha. Itoophiyaan biyyoota Arabaa hedduu waliin hariiroo dansaa kan qabdu yoo ta’u liigichi garuu dantaa biyyoota xiqqoo tajaajilaa jira,” Misgaanuutu jedhe.

Kana malees, dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam (PhD) Addis Standarditti akka himanitti, ibsi Liigii Arabaa baase “fudhatama kan hin qabne” ta’uu fi Itoophiyaan “cimstee kan mormitu” ta’uu ibsaniiru. ”Afrikaanonni rakkoo mataa isaanii hiikuuf gahumsa qabu,” jechuun Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Ministira Dhimma Alaa Masrii Saamii Shukrii ibsa dhimma kana irratti laataniin Itoophiyaan naannichatti tasgabbii dhabsiisaa akka jirtu dubbatan ilaalchisee Ambaasaaddar Mallas ibsicha “itti gaafatamummaa kan hin qabneedha” jedhan. Kana malees, “Liigiin Arabaa fi Masriin fuula lama saantima tokkooti” jedhan.

Hoji gaggeessaan Liigii Arabaa Ahmad Abuul Geyt, gamasaatiin, waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallattaa’e “seera idiladdunyaa ifatti kan cabsuudha” jechuunsaa gabafameera.

Akkaata waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti Amajjii 01, 2024 mallattaa’een Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa 20km ta’u kan argattu yoo ta’u Somaaliilaandiif garuu akka biyya of dandesseetti beekamtii kenniti.

Mootummaan Somaaliyaa waliigaltichi tokkummaafi birmadummaa Somaaliyaa irratti rakkoo kan uumuu waan ta’eef “fudhatama hin qabu” jedhee ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gamtaan Afrikaatti manni marii nagaafi tasgabbii ibsa kaleessa baaseen, Itoophiyaafi Somaaliyaan “miirasaanii akka too’atan, waldhabdee akka qabbaneessaniifi marii hiika-qabeessa akka taasisan” marii 1192ffaa dhimma Somaaliyaafi Itoophiyaarratti manni marichaa kaleessa gaggeesseerratti gaafateera.

Dura taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Mussaa Faaqii Muhaammat gaanfa Afrikaatti ergamaa olaanaa Oluseeguun Obaasaanjoo bobbaasuun marii biyyoota lameen gidduutti akka mijeessu gaafachuun ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button