DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Naannoo Tigraayitti waliigaltee nagaarra erga gahame booda namootni 1300 ol sababa beelaan du’aniiru – Qorannoo

 Finfinnee, Fulbaana 26/2023 – Dhuma bara 2022tti mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduu waliigaltee nagaa erga mallatteeffame booda Naannoo Tigraay keessatti namootni 1329 beelaan du’uu isaanii qorannoo naannichatti taasifame wabeeffachuun Asoosheetid Pirees gabaaseera.

Tigraayitti sababni du’aa inni ijoon beela ta’uu qorannoon biiroon fayyaa naannichaa Yuunivarsiitii Maqalee waliin ta’uun gaggeesse mul’iseera. Akka qorannoon kun ibsutti naannichatti duuti galmaa’e keessaa 68% kan ta’u sababa beelaan kan mudateedha. 

Hagayya 15 hanga Hagayya 29, 2023 ogeeyyiin fayyaa aanaalee naannicha keessatti argaman sagal keessa manaa manatti naanna’uun, akkasumas daawwannaa kaampiiwwan buqqaatota keessa taasisaniin qorannoon akka gaggeeffame kan eere gabaasichi, naannichatti lakkoofsa namoota beelaan du’an kan qorannoo kana irratti ibsameen ol ta’uu akka danda’uus ibseera.

Lakkoofsa namoota sababa beelaan du’an akka dabaluuf kan taasise dhiyeessiin deeggarsa nyaataa dhaabbilee gargaarsaa irraa dhiyaachaa ture addaan cituun akka ta’ees eerameera. Qorannichi akka addeessuutti, dhiyeessiin gargaarsa nyaataa erga dhaabbatee booda naannichatti lakkoofsi namoota beelaan du’an dachaan dabaleera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button