ODUUSIYAASA

Oduu: Gamtaan Afrikaa Itoopiyaafi Somaaliyaan “miirasaanii akka too’atan, waldhabdee akka qabaneessaniifi marii hiika-qabeessa akka taasisan” gaafate

Finfinnee, Amajjii 18, 2024 – Gamtaa Afrikaatti manni maree nagaa fi tasgabbii Itoophiyaafi Somaaliyaan “jiraachuu akka too’atan akka too’atan, waldhabdee akka qabbaneessaniifi marii hiika-qabeessa akka taasisan” marii 1192ffaa dhimma Somaaliyaafi Itoophiyaarratti manni marichaa har’a gaggeesseerratti gaafate.

Har’a ganama xiyyaarri Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gara magaala guddoo Somaaliilaand, Hargeessaa imalaa ture mootummaa Somaaliyaatiin dhoorkamuu hordofee ofirra garagaluun gara Finfinnee deebi’eera.

Itoophiyaa Somaaliilaand waliigaltee “seena-qabeessa” Amajjii 01, 2024 waliigaltee dhugummaa mallatteessuu hordofee, waliigalteen kuni tokkummaa daangaafi birmadummaa Somaaliyaarratti dhiibbaa uuma jechuun  somaaliyaan sodaa qabdu ibsachaa turteerti.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin, Itoophiyaan Somaaliilaandiif akka biyya of dandeesseetti beekmatii kan kennitu yoo ta’uu Somaaliilaand immoo Itoophiyaadhaaf ulaa galaanaa 20km ta’u qarqara Galaana Diimaatii kan kennitu ta’a. 

Somaaliyaan waliigalteen kuni “fudhatama hin qabu” jetteerti.

Walgahii hatattamaa Liigiin Arabaa har’a gaggeesseerratti MM Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baaree Itoophiyaan karoora “seensa Galaana Diimaa too’achuun daldala idiladdunyaafi geejjibarratti dhiibbaa uumuu” karoorfatteerti jechuun yakkeera.

Biyyooni Arabaa Somaaliyaa deeggaruun “gochaa garajabinaa” kana akka morman waamicha taasiseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gamtaan Afrikaa ibsa ganama har’aa baaseen, biyyoonni biroo dhimma biyyoota lamaan miseensa Gamtaa Afrikaa keessa galuu akka dhiisan gaafateera.

Itoophiyaafi Somaaliyaa dabalatee tokkummaa daangaa, birmadummaa biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa akka kabajamu gamtichi gaafateera.

Dura taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Mussaa Faaqii Muhaammat gaanfa Afrikaatti ergamaa olaanaa Oluseeguun Obaasaanjoo akka bobbaasuun marii biyyoota lameen gidduutti akka mijeessu gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button