DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Ministeerichi fi dhaabbileen tajaajila fe’umsaa dhimma caaseffama dhaabbilee geejjibaafi konkolaattota moofaa hojiin ala taasisuurratti waliigaluu dhaban

Finfinnee, Onkololeessa 01, 2024 – Ministeerri geejjibaafi loojistikiifi dhaabbileen tajaajila geejjibaa kennan dhimma qajeelfama caaseffama dhaabbilee geejjibaafi konkolaattota moofaa hojiin ala taasisuun walqabatee waggaa tokko dura baherratti waliigalteerra gahuu hin dandeenye.

Qajeelfamni haaraa kuni jijjiirama caaseffama waldaalee geejjibaa haaraa guddaa ifoomsee tureen walqabatee dhaabbilee lamaan gidduutti waldhabdeen uumameera. Akkaataa labsii kanaatiin, waldaaleen hojii gamtaa akka dhaabbilee aksiyoonaa yookiimmoo dhaabbilee dhuunfaatti akka gurmaa’an kan dirquudha.

Akkasumas, konkolaattonni daangaa biyyaa qaxxaamuranii geejjiban kan waggaa 30 oliif tajaajilan hojiin ala akka taasifaman labsuunsaa qabxii mormii ijoo ta’eera.

Hojigaggeessaan dhaabbata geejjibaa beekamaa eenyummansa akka hin ifoomne gaafate Addis Standard dubbise tokko akka himetti, akkaataan hojiirra oolmaa labsichaa mormii uumuu hima.

“Yeroo aanga’oota ministeerichaa waliin waggaa darbe mari’annetti, labsicha baasuun barbaachisaa ta’uu waliigallee ture. Haa ta’u malee, labsiin kuni hojiirra oolaa jira. Hojiirra oolmaasaatiin walqabatee rakkoo hubannaa jiraachuunsaa tajaajila keenyarratti dhiibbaa uumeera,” hojiigaggeessichatu jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun, hojiigageessaa Daldala Waliigalaafi Geejjiba Kontineentaal Abuubakar Sa’iid qaamoleen lamaan gidduutti waliigalteen dhabamuu dubbata.

“Jalqabarra konkolaataa tokko qofa akka bitannu gaafatamnee ture. Haa ta’u malee, yeroo ammaa garuu konkolaattota dabalataa akka bitannu aanga’oonni nu dirqisiisaa jiru. Kunimmoo gahumsa keenyarratti dhiibbaa uumeera,” Abuubakar jedheera.

Miniteerichatti hojigaggeessaan tajaajila loojistikii Obbo Yirgaa Taaddasaa, ibsa kennaniin, dhiibbaan taasifamaa jiru waldaalee geejjibaa gara caasaa daldala haaraatti fiduu kaayyeeffatee kan taasifameedha jedhu.

“Akkaataa labsichi dirqisiisutti, waldaaleen geejjibaa gara caasaa daldala haaraatti hin ce’iniif guyyaan dhumaa kennameefi turus isaan garuu kana raawwachuu hin dandeenye,” Yirgaatu jedhe.

Qajeelfamni dhaabbileen geejjibaa waldaa hojii gamtaa gara dhaabbiulee aksiyoonaafi dhaabbata dhuunfaatti akka gurmaa’an diriqisiisu kuni Caamsaa 2023 keessa bahe.

Manni marii bakka bu’oota ummataa labsii geejjibaa daandii bara 2022 keessa raggaasisee ture hordofee waggaa tokko booda ifa taasifame. Qajeelfamni ministeerri geejjibaa dhaabbilee geejjiba ummataafi fe’umsaarratti too’annoo akka taasisuu ministeerichaaf aangoo kan kenneera.

Hojiirra oolmaa qajeelfamichaatiin duratti, yeroo labsiin kuni baafamaa turetti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin sadarkaa garaagaraatti karaa garaagaraatiin waliigalteerra gahuun fedhiin isaanii ilaalcha keessa akka galu taasifamee ture,” jechuun Yirgaan dubbateera.

Mariin dhaabbilee tajaajila fe’umsaa kennan waliin taasisuun waldaalee geejjibaa gara dhaabbata waliiniifi dhaabbilee dhuunfaatti jijjiiruun caaseffama haaraa diriirsuun barbaachisaa ta’uu waliigalteerra gahuu hojigaggeessaan kuni ni dubbata.

“Haa ta’u malee, qaamolee seera kana hojiirra oolchan seera kana guutumatti hin hubanne,” jechuun labsiin kuni konkolaattota daangaa qaxxaamuranii geejjiban kan waggaa 30 oliif tajaajilan konkolaattota ammayyaawaafi gahumsa olaanaa qabaniin bakk buusuu kan karoorfate ta’uu ibseera.

Labsiin kuni konkolaattonni waggaa 30 oliif tajaajilan geejjiba biyya keessa  akka keennan gochuun konkolaattonni ammayyaafi gahumsa olaanaa qaban tajaajila geejjibaatti akka galan kan taasisu ta’uu eereera.

“Hangi meeshaalee gara alaa ergamuufi gara biyya keessa galuu dabalaa dhufuunsaa gahumsi konkolaattota dullooman kanneenii meeshaa geejjibuurratti rakkoo uumeera,” jedheera.

Konkolaattonni waggaa 30 oliif tajaajilan lafa dheeraa geejjibuurratti rakkoo akka qabaniifi konkolaattota haaraa gahumsa gaarii qabanii bakka buufamuu akka qaban hojigaggeessaan kuni ni amana. Balaa faalama qilleensaa konkolaattonni kunneen qaqqabsiisaniin walqabatee konkolaattota kana jijjiiruun barbaachisaa ta’uu eereera.

Haa ta’u malee, abbootiin qabeenyaa konkolaattota moofaa qaban kunneen konkolaataa haaraan bakka akka buusaniif deeggarsi mootummaan taasise akka hin jirre hojigaggeessaan kuni eereera. “Abbootiin konkolattota kanneenii itti gaafatamummaa kana qofaasaanii akka bahn taasifameera,” jedheera.

Konkolaattonni tajaajila fe’umsaa kennan 12,500 ol biyyattii keessa jiran waldaalee dhiibbaa ol ta’an jala gurmaa’anii argamu.

Afgaaffii Addis Standard waliin taasiseen, konkolaachisaa buufata doonii Jibuutiitii tajaajila fe’umsaa kan kennu ta’e tokko akka jedhetti, isaafi jaalleewwan isaa konkolaataa haaraa bakka akka buusan wanti itti himame akka hin jirre dubbata.

“Qaamni dhimma kana nu mariisise hin jiru. Dhimmi kunneen abbootii qabeenyaa konkoolaataa adda dureen kan hubuudha,” konkolaachisaatu jedhe.

Karroorri mootummaan konkolaattota moofaa hojiin ala taasisuuf baase kuni waraqaa ragaa gahumsaa dhaabbilee tajaajila fe’umsaaf kennamu akka harkifatu taasiseera. Waraqaan kunimmoo eeyyama daldalaa haaromsuuf barbaachisaadha.

Maamiltoonni tajaajila fe’umsaa laatan lakkoofsaan hedduu 1,100 ol ta’an waraqaan ragaa gahumasaa akka laatamuuf guyyaa guyyaan iyyachaa jiraachuu ministeerri geejjibaafi loojistikii torban darbe ibsee ture. Taatee kana hordofuun, hojjattootaa dabalataa qacaruufi yeroo hojii dheeressuu ministeerichi ifoomseera. Kana malees, fedhii jiru ilaalcha keessa galchuun guyyaa ayyaanaafi Sabataa dabalatee tajaajilli kennamaa jiraachuu Obbo Yirgaan himaniiru.

Labsiin kuni hojiirra haa oolu malee, abbootiin qabeenyaa konkolaattota waggaa 30 ol tajaajilaniif eeyyamni buufata Jibuutii laatamaa jiraachuu ibsameera. Hir’inni konkolaattota gara buufata doonii Jibuutii imalanii akka hin jirres eeraniiru.

Akkasumas, guyyaa dhumaa eeyyamni kuni itti haareffamu mootummaan fulduratti dheeressuu hojigaggeessan kuni eereera. AS

Related Articles

Back to top button