DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaanota Libaanoon keessa jiran gara biyyaa deebisuuf "haaala mijeessaa" jiraachuu Itoophiyaan beeksifte

Finfinnee, Onkololeessa 2024 – Koreen biyyaaleessaa Itoophiyaa Itoophiyaanota sababa waraana Israa’eeliifi Hizboollaatiin Libaanoon keessatti dararamaa jiran gara biyyaa deebisuuf “haala mijeessaa” jiraachuu beeksise. Itoophiyaanonni Libaanoon keessatti argaman biyyaa akka baafaman waamicha taasisaa jiru.

Koreen biyyaalessaa kan deetaa ministeera dhimma alaa Aadde Burtukaan Ayyaanootiin hogganamu lammiilee rakkoo nageenyaatiin Libaanoon keessatti dararamaa jiran nagaan gara biyyaa deebisuuf “tooftaa garaagaraa” barbaadaa jiraachuu miidiyaan mootummaa gabaaseera.

Koreen kuni gochaa Itoophiyaanota Liibaanoon keessa jiran qonsila magaalaa Beeruut keessatti argamutti galmeessaa jiraachuu ifoomsuun human namaa dabalataafi gahumsa teeknoolojii dabalataa ijaaraa jiraachuu gabaafameera.

“Koreen kuni lammiilee kaan deebisuuf “tootaalee garaagaraa” hojii haala mijeessuu bal’aa hojjachaa jira,” jechuun lammiileen Itoophiyaa qonsilatti akka galmaa’an gaafataniiru.  

Tarkaanfiin koreen biyyaalessaa taasisaa jiru kuni waamicha nu baraaraa lammiileen Itoophiyaa Liibannoon keessa jiran taasisan hordofee kan taasifameedha. Irra caalaan Itoophiyaanota Liibaanoon keessatto argaman kunneen gara biyyasaanii deebi’uuf gargaarsi isaan barbaachisa.

Liibannoon hojjattoota biyya akka Itoophiyaarraa godaanan 250,00 ol ta’an of keessaa kan qabdu yoo ta’u lammiileen kunneen rakkoo nageenyaa mudateen dararamaa jiru.

Eegduu daa’immanii kan taate Araggaash Tufaa sababa haleellaa qilleensarraatiin yeroo hedduu qe’eerraa buqqaafamuu VOAtti himteerti. “dhohiinsa sodaachisaafi ulfaataatu jira…karaa ittii gara biyyaa deebinu barbaadaa jirra,” jetteerti.

Hojjattuun biraa Madiinaa Haylee jedhmatu kan wagga afuriif Beeruut keessa turte, lubbuusheetiif saodaachaa jiraachuu eeruun, “hundi keenyayyuu haala sukaneessaa keessatti argamna… dhoohiinsi guyyaa guyyaan nu mudata,” jetteerti.

Lammiin IToophiyaa biraa Salaamaawiit Tasfaayee jedhamtu kan hojii kunuunsituu hojjattu shamarran lammii Itoophiyaa lama haleellaa Israa’eel Kibbabaha Libaanoonitti gaggeessiteen ajjeefamuu VOAtti himteerti.

Mootummaan Itoophiyaa Itoophiyaanota kanneen gara biyyaa deebisuuf “tooftaa garaagaraa” barbaadaafi “haala mijeessaa jira” haa jedhu malee lammiin gara biyyaa deebifame tokkoyyuu hin jiru. AS

Related Articles

Back to top button