AADAA FI AARTII
Trending

Andoodee Tumaa: Lafa Seerri Gadaa itti lallabamu garuu ilaalchaa fi kunuunsa dhabe

Alamaayyoo Dirootin

Finfinnee – Baatilee Fulbaanaa fi Onkoloolessa wayita Ayyaana Irreechaa guutummaa Oromiyaa keessatti kabajaa jirru kana hundi keenya bakkoota Oromoon Waaqa itti kadhatu, seera itti tolfatuu fi dhimoota waloo adda addaaf olaan yaadachuun dirqama ta’a.

Bakkootni ulfina qabanii fi tika argachuu qaban garuu kanneen xiyyeeffannoo Mootummaa Oromiyaa fi jaarmayaalee dhimmi ilaallatu dhaban akka xiyyeeffannoo barbaachisu argatan wal yaadachiisuun gaarii ta’a. Barruu xiqqoon kun bakka Andoodee Tumaa jedhamuu fi dhabamutti jiru beeksiisuu ta’a.

Jaarsi Oromoon yoo eebbisu jechoota irra deddeebiin jedhaman keessaa tokko “andoodee korma ta’aa, gannaa-bona lalisaa” kan jedhu dha. Andoodee kormaan gannas bonas waan lalisee mul’atuuf hawwii jireenya guutuu bara baraan namoota eebbisan qaban himuuf akka fakkiitti itti fayyadamu.

Yeroo hunda haala hunda keessatti isinitti haa tolu jechuuf eebba eebbifamu dha. Andoodeen bakka biqilu namootni jiraatan firii fi al tokko tokko ammo baala isaa tumanii uffata ittiin miccatu. Amala saamunaa waan qabuuf xurii qulqulleessuun beekama. Andoodeen kun hayyoota hedduun akka qoratamees ni dubbatama. Addatti ammoo Dr. Aklilu Lemma hayyuun beekamaa Yuunivarsiitii Finfinnee biqiltuu kanarratti qorannoo bal’aa taasisanii qoricha dhibee Bilharzia akka argatanii dha.

Dhugaa himuuf, akeekni bareeffama kanaa bu’aa Andoodeen qabu himuu osoo hin taanee bakka maqaa biqiltuu kanaan waamamuu fi seera Gadaa keessatti bakka ulfina qabu Andoodee Tumaa ibsuu dha.

ALA bara 2004 barnoota Anthropology barachaa ture xumuruuf barruulee eebbaa (M.A. Thesis) qopheessuuf akka na gargaaru odeeffannoo barbaachisu funaanuuf bakka Odaa Nabee itti argamu aanaa Aqaaqii dhaqeen ture. Namootni odeeffannoo naa kennaa turan waggaa saddeet saddeetiin Gadaan akkamitti seera akka tumu naaf ibsan.

Seerri yeroo dheeraa Odaa Nabee jalatti halkan halkan baatiilee hedduuf irratti mariátamee irratti waliigalame kan labsamu (seerri kan dhangalahu) bakka Andoodee Tumaa jedhamu toora magaalaa Aqaaqiitti dhihaatu akka ta’e dhagahe. Bara san booda biyya kana keessatti jijjiirama baay’eetu ta’e. Jijjiirama kanneen keessaa tokko Oromoota naannoo Finfinnee jiran buqqisuun magaalaa Finfinnee babal’isuuf jecha karoora Addis Ababa Master Plan jedhamu labsamuu isaati.

Murtiin ajaa’ibaa Magaalaa Finfinnee balísuuf murtaa’ee osoo ummata naannoo magaalichaa jiranii fi kanneen dhimmi ilaallatu hunda hin marsiisiin namoota siyaasaa xiqqoo humna qabaniin akka ta’e ni beekama. Labsiin Addis Ababa Master Plan jedhamu kun bara 2015 yoo ifa taú karoorri isaa qonnaan bultoota naannoo magaalichaa buqqisuu qofa osoo hin taane suuta suuta naannoo Oromiyaa bakka lamatti addaan baasanii magaalaa ummata Itoophiyaa hundaa kan taate naannoo ‘Addis Ababa’ jedhamu gidduu isaanitti tolchuu ture. Gaarummaan isaa karoorichi osoo fagoo hin deemiin kichuutti cabe.

Sochiin Qeerroo fi Qarree Oromootiin bara 2014 kaasee gaggeefama ture akka mootummaan TPLF/EPRDF karoora ummata Oromoo Finfinnee keessaa fi naannoo isaati dhabamsiisuuf karoorfame akka dhiisu dirqisiise. Qabsoon Qeerroo fi Qarreen Oromoo lubbuu kumatamaan itti wareegan sirni TPLF/ EPRDF karoorfate akka buqqa’u ta’uu taasisee sirna siyaasaa jijjiire. Dhimma ciccimoo ummata Oromoo ilaalu irratti lamuu murtiin mootummaa abbaa irree akka mirkanaa’uu hin dandeenye fakkeenya ta’ee dabre.

Andoodeen Tumaa silaa murtii ‘Master Plan’ kanaan kan Magaalaa Finfinnee jala galee eenyummaan isaa badu keessaa isa tokko ture. Gatii ulfaataa bakki kun seera tumaa sirna Gadaa keessatti qabu akka jirutti ta’ee Andoodee Tumaa ammayyuu bakka xiyyeeffannoo tokko hin argannee fi suuta badaa jiruu dha. Namootni dhuunfaa fi jaarmayaalee adda addaa tora kana addaan cicciirachuun balína Andoodee Tumaa qabu hedduu xiqqeessanii jiru. Yeroo ammaa balínni Andoodee Tumaa dallaa qonnaan bulaa tokko hin caalu. Maddi dhiheessii bishaanii jiraattoota Finfinnee tokko lafa Andoodee Tumaa kanaa dha.

Hordooftootni amantii Ortodoksiis lafuma kanarratti mana amantii ijaaranii itti babal’achaa jiru. Babalínni kun ta’e jedhamee Andoodee Tumaa dhabamsiisuuf kan deemaa jiru dha. Namoota Sirna Gadaa qoratanii fi Sirna Gadaa baruu barbaadan daawwatootaaf (toursits) Andoodee Tumaa bakka murteessaa dha.

Akka maanguddootni Oromoo himanitti (Mythology) raadni rimaa qabatte tokko Baalee Madda Walaabuu irraa kaatee gara Kaaba Lixa biyya Oromootti ofuumaan godanuu eegalte jedhu. Baatii hedduu deemaa turtee guyyaa Odaa Nabee geessu jabbii dhalte. Achitti hin dhaabbanne. Deemsa itti fuftee wayita Andoodee Tumaa geessu dildhuu buufte jedhama. Talaqtoota Sirnaa Gadaatiin adeemsi raada kanaaf hiika itti kennun seerri Gadaan biyya ittiin bulchu Abbootiin Gadaa bakka Oromoo jiruu hunda Odaa Nabee dhufanii akka irratti marii taasisanii fi waliigalteen tuman godhame.

Haaluma kanaan seera tumame kana ummataaf bakki itti dhangalaasan Andoodee Tumaa akka taú murteessan jedhama. Kanaaf, Andoodee Tumaa bakka Abbootiin Gadaa waggaa saddeet saddeetiin seera ummataaf itti dhangalaasanii (lallabanii) fi ummatni seera Gadaan bulu ammoo dhaqee seera dhangalaa’e kana irraa waraabbatu (baratu) ta’ee beekamuuf ilaalcha addaa argachuu qaba.

Hanga yaadamuu fi ta’uu qabuurra hedduu xiqqaa ta’uus Odaa Nabee beekumtii mootummaa argatee tikfamaa jira. Kuni jalqabbii jajjaabachuu qabuu dha. Garuu, bakka Andoodee Tumaa hin jirreetti seenaan Odaa Nabee guutuu ta’uu hin danda’u. Sirni Gadaan Odaa Nabee bakka marii bal’aan taasifamee seerri itti tumamuu yoo ta’u, seerri kun kan ummata bira gahuu hundi namaa hubatuu Andoodee Tumaa ti. Seera Sirna Gadaa baruuf hariiroo bakkeewwan laman jidduu jiru haalaan hubachuun barbaachisaa ta’a. 

Odaa Nabeetti seera tumanii seera dhangalaasuuf Andoodee Tumaa osoo hin gahiin bakkootni biroo Abbootiin Gadaa itti turan jiru. Inni duraa laga Aqaaqiirratti kan argamu Malkaa Bulchaa jedhama. Bakki kun bakka Abbootiin dhaabbatanii Waaqa isaan milkeesseef galata galchanii dha. Malkaan kunis summii warshaalee adda addaa irraa gadi lakkifamuun, plaastikoota addaa addaa itti gatamanii fi summii adda addaatiin faalamee jira. Dhaabbatanii Waaqa kadhachuuniyyu hafe ilaaluun isaa illee ija namaaf hin mijatu.

Qonnaan bultoonni naannoo laga Aqaaqii jiraatan kunneen bishaan laga kana jallisuun muduraa adda addaa biqilchanii oomisha isaanii gabaa Finfinneetti dhiheessu. Muduraaleen bishaan summaa’e kanaan biqilan balaa fayyaa namoota oomisha kana fayyadamaniitti fiduu malu xiyyeeffannoo kan argate hin fakkaatu. Beeladootni bishaan kana dhugan gariin dhibee adda addaatiif saaxilamu gariin isaanii immoo ni du’uu. Rakkoon kun furtee kan argatu gaafa Malkaa Bulchaa qulqulleessuuf tarkaanfiin fudhatamu dha.  

Malkaa bulchaa laga Aqaaqii irratti argamu

Malkaa Bulchaatti aansee ammoo bakka Abdaarii Kushuluu jedhamutu jira. Bakki Abdaarii Kushuluu kana mukaa guddaatu jira. Abbootiin Gadaa Malkaa Bulchaa dabranii wayita Gaaddisa Abdarii kana gahan hoolota lama jalatti qalanii sorachuun gara Andoodee Tumaa deemu. Bakki kunis ofumaan jiraata malee kan qaamni abbaa itti ta’ee kunuunsu hin jiru. Manni amantii Ortodoksii bakka kana dangaa isaa jala galchuuf akka yaala ture jiraattotni himaa turan.

Abdarii Kushuluu

Bakka Andoodee Tumaa yeroo gahamu dhakaa guddaa Dhakaa Tumaa jedhamutu jira. Abbootiin Gadaa dhakaa kanarra dhaabbatanii seeraa Odaa Nabeetti tumame ummata bal’aatiif dhangalaasu (lallabu). Ummatni Oromoo hanga Abbootiin Gadaa waggaa saddeet booda seera foyyeessanitti seera lallabame kanaan bulu. Sirna Gadaa keessatti Andoodee Tumaa bakka ulfina seerri biyyi ittiin bulu ummataaf ifa itti ta’uu fi bakka seeraa irraa waraabatanii seeraan walqajeelchan waan ta’eef xiyyeeffannoo addaa barbaada. 

Erga seerri Odaa Nabeetti tumame Andoodee Tumaatti lallabamee booda muka Dambii Guduruu jedhamuu jalatti bunni danfee sirni seera tumuu xumurama. Dambii Guduruun kun akka suuraan armaan gadii agarsiisutti yeroo ammaa dallaa qonnaan bulaa tokko keessatti argama.

Dambii Guduruu (Suuraa: barreessaa)

Malkaa Bulchaa, Abdarii Kushuluu fi Dambii Guduruu sadanuu qaama Andoodee Tumaa turan. Sababa qaamni Andoodee Tumaaf kunuunsa kennu hin jirreef cicciramanii adda babbahanii jiru. Bakkeewwan kun guutummaatti dagatamanii jiru. Sirnootni walduraa duubaan biyya bulchaa turan hanga dhihootti bakkeewwan sirni Gadaa fi Amantiin Oromoo itti kabajaman balleessuurrattti bobba’aa turan. Bakkeewwan xixxiqoon badii irraa hafanis tattaaffii ummatni taasiseeni.

Ummatni Oromoo badii bakkeewwan itti walgahanii fi waaqeeffatan irratti ta’aa ture takkaa tole jedhee hin beeku. Irreechi Hora Harsadii fi Finfinneetti bifa ho’aa ta’een kabajaman kunneen kan falmii ummatni taasiseen deebi’anii dha. Mootummaan Oromiyaa addatti ammoo Komishiiniin Turiziimii Oromiyaa bakkeewwan ulfinaa seera Gadaa fi Amantii Oromoo turan qorachuu, tiksuu fi kunuunsuun dirqama isaa taúu hubachuun Andoodee Tumaa akka badiirra hambisu gaafatna.

Namoota tattaaffii taasisaan bitaa gara mirgaatti (Abiyoot Ashanaafii, Duulaa Qannaa, Asraat Girmaa, Alamaayyoo Diroo fi qonnaan bultoota naannoo beekanii fi odeeffannoo kennan)

Carraa kanaan namoota armaan gaditti suuraan isaanii mulátu tattaaffii Andoodee Tumaa akka baramuu fi namoota naannoo irraa odeeffannoo kennan adda baasuun godhaniif galatni guddaan isaan haa gahu. AS

Alamaayyoo Diroon barnoota Ikkonomiksii fi Antropooloojii Hawaasummaa kan baratan yoo ta’u, qorannoo fi hojmaata irra caalaa dhimmoota misoomaa fi hawaasa siivikii wajjin walqabatan irratti muuxannoo bal’aa qabu.

Related Articles

Back to top button