DALDALAODUU
Trending

Oduu: Daballiin gatii boba’aa qaala’insa jireenyaa hammeessuu akka danda’u ogeeyyii fi bitattoonni akeekan

Finfinnee, Onkololeessa 09/2024 – Gatii boba’aa irratti daballii mootummaan yeroorraa gara yerootti taasisaa jiruun, gatiin liitira tokkoo al tokkotti birrii saddeetiin akka dabalu taasifameera.

Gatiin boba’aa liitira tokkoo birrii 82.60 ture Onkololeessa 08, 2024 kaasee birrii 91 akka ta’u taasifameera.  Akkasumas gatiin gosa boba’aa diizilii qarshii 83.74 ture birrii 90 galeera. Gatiin boba’aa 10.3% kan dabale yoo ta’u kan diiziliimmoo 7.8% dabaleera.

Ogeessi diinagdee maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise daballiin gatii boba’aa qaala’iinsa jireenyaa akka hammeessu himeera.

“Seenaa darberraa akka hubannutti, daballiin gatii boba’aarratti taasifamu qaala’iinsa jireenyaa waliin hariiroo qabaata, daballiin tibbana taasifame qaala’iinsa jireenyaa hammeesseera,” ogeessichatu jedhe.

Akka ogeessi kuni jedhetti, daballiin gatii boba’aarratti taasifamu daballii gatii meeshaalee midhaan nyaataa hin ta’in waliin kallattiidhaan kan walqabatu ta’a. “Jijjjiiramni gatii meeshaleerratti taasifamu qaala’iinsa jireenyaa daran ni hammeessa,” ogeessichi dabalee jedheera.

Gabaasa Tajaajila Istaatistiksii Itoophiyaa tibbana baase, daballiin boba’aa, bishaaniifi elektirikii irratti taasifamu daballii gatii waliiigalaatiif 16.8% kan gumaachu ta’uu ibseera. Hagayya 2024 keessa qaala’iinsi jireenyaa 17.2%, meeshaaleen nyaataa hin ta’in 14.7% fi midhaan nyaataa 18.8% gaheera.

Dabalii gatii tibbana taasifameen walqabatee bitattoonni sodaa qaban ibsataniiru. konkolaachisaa konkolaataa fe’aa guddaa kan ta’e Yohaannis Daani’eel daballiin gatii boba’aa kuni gatiin geejjibaa akka dabalu taasisa jedheera. “Yeroo ammaa kana kuntaalli tokko birrii 330 geejjibama,” jechuun daballii kana booda garuu gara hanga birrii 400 kan gahu ta’uu Yohaannis himeera.

Konkolaachisaa miinibaasii Toyota HI-Ace Dolphin D4D kan ta’e Finfinnneetti daandii Magganaanyaadhaa Lagaxaafoo geessurratti tajaajila geejjiba ummataa kennu daballiin gatii boba’aa galii guyyaa argaturratti dhiibbaa uumuu hima.

“Gatiin boba’aafi meeshaalee konkolaataa dabaluun hordofee gatiin nurratti dabalaa jira. Gatiin imaltoonni kaffalan hanga ta’e dabalus galiin nuti argannu ittiin jiraachuuf gahaa miti,” Jedheera.

Gorsaan ministeera daldalaafi hidhata naannoo Ahmad Tussaa, ibsa miidiyaaf kennaniin, mootummaan maaliif gatii boba’aa akka dabale himaniiru.

Akka Ahmaditti, sababiin daballii gatii boba’aa lamaan gatiin boba’aa akka addunyaatti dabaluufi jijjiirama diinagdee guddaa tibbana taasifame kan sharafni alaa akka dabalu taasise ta’uu dubbateera.

Gatiin boba’aa barmeela tokkoo $72 yoo ta’u sababa rakkoo nageenyaafi walfakkaataniin $80 akka galuu hime. Haalli kuni akkanaan yoo itti fufe gatiin boba’aa daran dabaluu akka danda’us eereera. Gatii sharafa alaa amma jiru kanaan gatiin boba’aa liitira tokkoo gara birrii 120tti guddachuu akka danda’u akeekkachiiseera.

Qaala’iinsa kana too’achuuf mootummaan daballii taasifamu keessa 80% kan ta’u deeggarsa taasisuun gabaa boba’aa too’achuuf karoorfachuu Ahmad ifoomseera. 20% hafemmoo bitattoonni akka kafalan kan taasifamu ta’a. Beenzinaafi boba’aa xiyyaaraatiif mootummaan deeggarsa 75% ni taasisa.

“Ji’oota sadeen darban keessa qofa, mootummaan 33 biliyoona ta’uu deeggarsa boba’aatti baaseera. Gatiin bobaa’a dabaluu yoo itti fufe deeggarsi mootummaan waggaa tokkotti taasisu birrii biliyoona 100 ni caala,” Ahmadiitu jedhe.

Fooyya’iisni diinagdee guddaa Adoolessa 28, 2024 keessa mootummaan ifoomse rakkoo diinagdee yeroo dheeraa sirreessu hojiirra oolfame. Jijjiiramni diinagdee kuni hojiirra oolfamuun dura gatiin sharafa alaa birrii Itoophiyaa Doolaara 56.55 ture. Guyyaa kaleessaa Onkololeessa 8, 2024 Baankii Daldala Itoophiyaatti gatiin bittaa Dolaara tokkoo 112 ta’eera.

Ministeerri daldalaafi hidhata naannoo, ibsa baaseen, hanga Onkololeessa 8, 2024tti daballiin gatii boba’aarratti kan hin taasifamin sababa waqtii ayyaanota ummataa kanarratti qaala’iinsi jireenyaa akka hin hammaanneef yaadamee ta’uu ibseera. kana taasisuuf ji’oota lamaan darban keessa mootummaan birrii biliyoona 35.8 baasii taasisuun ibsameera.

Daballii gatii boba’aarratti taasifamu tursiisuuf murteen dabarfame gatiin boba’aa biyya keenyaa kan biyyoota ollaarraa walakkaadhaan akka gadi bu’uu taasisuun eerameera. “Gochaan kuni daldallii boba’aa seeraan alaa gabaa gurraachaa akka dabalu taasiseera,” ibsichatu jedhe.

Kaffaltii bittaa boba’aatiif taasifamu deeggaruuf Doolaarri miliyoona 175 gabaa sharafa alaatiif ramadamuu baankiin biyyoolessaa torban darbe keessa beeksisee ture. Maallaqni kuni maallaqa sharafa alaa bittaa boba’aa Dhaabbanni dhiyeessii Peetrooliyamii Itoophiyaa raawwatu tumsuuf kan oolu ta’uu eerameera. AS

Related Articles

Back to top button