DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Lammiileen Itoophiyaa Libaanos keessa jiran yaaddoon nageenyaa dabaluu himan

Finfinnee, Onkololeessa 09, 2024 – Haleellaa humni waraanaa Israa’eel Libaanos irratti gaggeessaa jiru hordofee yaaddoon nageenyaa dabalaa dhufuu Itoophiyaanonni Addis Standard’tti himan.

Haleellaa jalqaba Onkololeessa 2023 Hamaas Israa’eel irratti bane hordofuun waraanni Israa’eeliifi hidhattoota Hizbollaah gidduutti eegalee hammaachaa dhufeera. Haleellaa qaamolee lamaan gidduutti taasifamaa jiruun jiraattonni Libaanoniifi godaantonni Itoophiyaa achitti argaman yaaddoo nageenyaa ulfaataa keessatti argamu.

Hundeessituufi daayreektara dhaabbata mitimootummaa Godaantonni Nuti Walii Keenyaaf jedhuu Baanchii Yimar yaaddoon nageenyaa jiru hammaataa ta’uu himteerti. “[Haleellaan] amma guyyaa guyyaan mudachaa jira. Halkan hundumaa keessumaa naannoo halkan qixxeetti haleellaan boombii [qilleensarraa] raawwatamaa jira,” Baanchiitu jedhe.

Kana malees, akeekkachiifni iddoo jiran gadhiisanii akka baqataniif godaantotaaf kennamu gahaa akka hin taane Baanchiin ni himti. Qacartoonnisaanii dhiisanii biraa waan deemaniif godaantonni Itoophiyaa hedduu da’oo malee hafu. “Akeekkachiifni akka baqataniif kennamu daqiiqaa 20 hanga 40 qofa waan ta’eef godaantonni hedduu miliquuf ni rakkatu. “Qacartoonni tokko tokko hojjattootatti balbala cufanii biyyaa bahaniiru,” Baanchiin dabaltee jetteerti.

Iddoowwan godaantonni Itoophiyaa hedduminaan jiraatan Saabraa, Daahiyeefi Hadaat haleellaa kanaan daran hubamaniidha.

Itti aantuu daayreektara Godaantonni Nuti Walii Keenyaaf kan taate Immuun, gamasheetiin, iddoon godaantonni kireeffatanii jiraatan iddoo loltoonni Hizboollaan itti argamanitti dhiyoo waan ta’eef haleellaan irratti gaggeeffamaa jiraachuu himti.

“Baasiiin jireenyaa gadiaanaa waan ta’eef Itoophiyaanonni iddoo kana filatu,” jechuun hedduunsaanii waraqaa eeyyama jireenyaa gahaa waan hin qabneef poolisii jalaa miliqanii akka jiraatan dubbatti. Haa ta’u malee, Itoophiyaanonni kunneen yeroo ammaa kana sodaa haleellaa qilleensarraatiin kan ka’e yaaddoo keessa jiru.

“Itoophiyaanonni hedduu mana hiriyootasaaniitti baqatanii argamu. Haleellaa waraanaa kana jalaa miliquuf jecha shaniifi jaha ta’anii iddoo tokko jiraatu,” Immuun dabaltee ibsiteerti. Godaantonni tokko tokko karaarra kan jiraatan yoo ta’u  irra caalaansaaniimmoo iddoo yeroodhaaf itti daheeffataniitti baqatanii akka argaman himteerti.

Onkololeessa 2023 keessa waraannii erga eegalee kaasee jiraattonni daangaa Liibaanooniifi Israa’eel irratti argaman 150,000 ta’an qe’eesaaniitii buqqa’aniiru.  Itoophiyaanota dabalatee  namoonnni sanada eeyyama jireenyaa gahaa hin qabne rakkoodhaaf saaxilamaniiru.

Itoophiyaanotaaf gargaarsi waan hin kennamneef rakkoo hammaataa keessa jiraachuu Baanchiin ni dubbatti. Gargaarsa dahoofi gargaarsi gosa biroo lammiilee Libaanosiif dursi kan kennamu ta’uu Baanchiifi Immuun himaniiru.

Manneen amantaa hedduun godaantotaaf banaa turan yeroo ammaa lammiilee biyyattii qofa tajaajilaa jiraachuu Immuun ni dubbatti. Gargaarsa dahoofi kan biroo godaantotaaf akka hin kennamne himti. Akka Baanchiin jettetti, godaantonni manneen barnootaa keessatti buufatanii argaman keessaas baafamaa jiraachuu eeruun loogiin jiru rakkisaa ta’uu himteerti.

Mootummaan Itoophiyaa lammiilee Libaanonitti rakkachaa jiran baasuu eegaleera. Yeroo jalqabaatiif lammiilee shantama ta’an gara biyyaa deebisuu ifoomseera. Akkasumas, qonsilli itoophiyaa Libaanonitti argamu godaantotaaf dahoo kennaa jiraachuu Baanchii eerteerti.

Itoophiyaanonni Libaanonii deebifaman lakkoofsaan 51 ta’an aanga’oota ministeera dhimmaa alaatiin buufata xiyyaaraa Booleetti simatamuun ni yaadatama. Lammiilee hafan deebisuuf hojjachaa jiraachuus ministeerichi ibseera. AS

Related Articles

Back to top button