Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti “haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin” lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 18/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti haleellaa torban darbe raawwatameen yoo xiqqaate lubbuun namoota afur darbe. Jiraattota fi aanga’oonni haleellaa kana “hidhattoota Faannoo” raawwachuu himan. 

Jiraattonni Addis Standard dubbise akka jedhanitti, haleellichi Waxabajjii 15, 2024 gandoota Jirruu Dadaa fi Warreen Gabrootti raawwatame. 

Jiraataan ganda Jirruu Dadaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standarditti akka himetti, haleellaa kanaan namoonni afur; Taaddasaa Jobir (umrii waggaa 45), Tasfaayee Damissee (umriin waggaa 48), Tammee Abarraa (umriin waggaa 32), fi Tashooma Kibrat (umrii waggaa 60) ajjeefamaniiru.

Akkasumas magaalaa Cekaa fi naannoo isaatti haalli nageenyaa hammaachuu hordofee waajjiraaleen mootummaa cufamuu eere. “Dhaabbileen fayyaa, barnootaa fi hawaasummaa naannoo sanaas cufamanii jiru,” jedhe. 

Kantiibaan magaalaa Cekaa Obbo Taayyee Geetaahuun haala haleellaa kun raawwatame bal’inaan Addis Standarditti himaniiru. 

Akka Taayyeen jedhanitti, jalqaba hidhattoota Faannoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan isaan “Shanee” jedhanii waaman gidduutti waldhabdeen mudachuufi Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa Cekaa harka Faannoo jalaa baasee to’annoo ofii keessa galfachuu himan. 

Ergasii hidhattoonni Faannoo haaloo bahuuf jiraattota irratti xiyyeeffatanii haleellaa raawwachuu Obbo Taayyeen himaniiru. 

“Shaneen dhiheenya kana gabaa magaalattii keessa argamu irratti haleellaa raawwachuun namoonni sadii  yoo du’an, hedduun madaa’anii turan,” jechuun kan yaadachiisan Obbo Taayyeen, itti dabaluun, “keessattuu haalli nageenyaa gandoota keessa jiru hamaa waan ta’eef humnoonni mootummaa irra deebiin bobbaasuun barbaachisaadha” jedhan.

Haata’u malee, naannoon kun bal’inaan gammoojjii ta’uun isaa bulchiinsa nageenyaa gandoota kanneen irratti qormaata guddaa akka ta’e eeran.

“Kallattii tokkoon sochii Shanee to’achuuf yaaliin godhamu kallattii biraan Faanoon haleellaa akka banu taasisa. Walxaxiinsi hojii nageenya aanaa Darraa keessatti gaggeeffamaa jiru ulfaataa taasiseera,” jedhan. 

Gareen hidhattoota Faannoo Aanaa Darraa keessatti haleellaa raawwachuun lubbuu namoota yeroo galaafatu kun kan jalqabaa miti. 

Baatii Muddee 2023 keessa haleellaa hidhattoonni Faannoo guyyoota lamaaf gaggeessaniin lubbuun namoota 18 darbuu fi namootni jaha madaa’uu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. 

Kana malees, gareen hidhattootaa kun Waxabajjii 05, 2024 godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu ganda Arrootti haleellaa raawwateen namoonni sadi ajjeefamaniiru. 

Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessa tokko barsiisaa mana barumsaa qophaa’inaa Kiiramuu kan ta’an Obbo Barsiisaa Ayyaanaati. Obboleessi isaanii Habtaamuu Ayyaanaa haala turee Addis Standarditti yeroo ibsu, Obbo Barsiisaan namoota biroo lama waliin gara ganda Arrootti osoo imalaa jiranii hidhattoota kanneenin dhaabisifamanii ajjeefamuu himan. 

“Obboleessi koo gara herreega baankii isaanitti maallaqa birrii 31,400 akka erguufi erga isa dirqisiisanii booda sadan isaaniyyuu ajjeesan,” jedhan. 

Namoonni Obbo Barsiisaa waliin turan lamaan Gizaachoo Fayyisaa, hojjetaa mootummaa aanaa Kiiramuu ganna 45, fi Jalduu Galataa, konkolaachisaa motoraa ganna 26, ta’uu himaniiru. 

Haleellaa ganda Arrootti raawwatameen guyyaa lama dura ganda Ayishoo Kushaayee keessatti haleellaa walfakkaataa raawwatamee haati tokko daa’imman ishee lama waliin ajjeefamaniiru. 

Jiraataan ganda Ayshoo Kushaayee Obbo Maangoo Gonfaa, haati warraa isaanii fi ijoolleen isaanii sadi Waraana Bilisummaa Oromoon ajjeefamuu Addis Standarditti himan.

Akka Obbo Maangoon jedhanitti, haati warraa fi ijoolleen isaanii lama rasaasaan rukutamanii kan ajjeefaman yoo ta’u, daa’imni isaanii Bilii jedhamu lubbuudhaan hafee hospitaala Naqamtee yaalamaa jira. AS

Exit mobile version