AfricaEthiopiaEthiopia Ministry of Foreign AffairsHuman RightsNewsSaudi Arabia

Oduu: Lammileen Itoophiyaa Mana Hidhaa Saawud Arabiyaa keessa jiran rakkoo hamaa keessa jirraa birmannaa barbaanna jedhu

Suura: Hidhamtoota irraa Addis Standardiif ergame.

Darajjee Gonfaa tiin  @DerejeGonfa

Finfinnee, Sadaasa 2/2021– Lammileen Itoophiyaa Mana Hidhaa Saawud Arabiyaa keessa jiran rakkoo hamaa keessa jiran dararaa hamaaf saaxilamuu isaanii Addis Standarditti himanii jiru. 

Saawud Arabiyaan lammilee Itoophiyaa eeyyama hojii qabanis ta’ee hin qabne “Godaantota seeran alaa” jechuun tarkaanfii  hidhaa fi biyyaa har’uu irratti fudhachuu erga eegaltee bubbulee jira. 

Lammiileen Itoophiyaa kumaataman lakkaa’aman  jireenya fooyya’aa barbaacha biyyaa bahuun yeroo ammaa manneen hidhaa biyya Saawudii keessatti dararaani fi sarbamni mirgaa namoomaa hedduun irra ga’aa jira. 

Dargaggoo Naasiir Abdallaa dhalataa Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaati. “ Akkuma nama kamiituu hojjadhee ofii fi maatii koo jijjiira jedheen bara 2018 gara biyya Saawudii kan dhufe.”

Naasir Akkataa ittiin qabame yoo  ibsu “Utuma hojii keenya hojjannuu yakka tokko malee lammii Itoophiyaa waan taaneef bakka hojii keenya irraa qabanii Riyaad  Mana hidhaa ‘Talikalkarji’ jedhemu keessatti nu hidhan.” 


“Mana xiqqaa keessatti nama 400, 420 faa taanee hidhamnee jirra. Kutaan akkanaa mana hidhaa kana keessa jiru 40 hanga 50 ta’a, kun hundi akkanumatti namaan guutamee jira.”

Naasir

Akkataa qabiinsa mana hidhaa keessa jiru “Mana xiqqaa keessatti nama 400, 420 faa taanee hidhamnee jirra. Kutaan akkanaa mana hidhaa kana keessa jiru 40 hanga 50 ta’a, kun hundi akkanumatti namaan guutamee jira.”jechuun ibsa.

Naasir haala amma kessa jiran yoo gaafatamu, “Amma yeroon kun baay’ee qorra,kan nuti uffannu ammo feestaalidha, halkan hin qorraa yeroo aduu ammo nu guba, waanti nyaatamuu fi dhugamu hin jiru. Daabboo tokko nama lamaan nyaanna, namni as keessatti dhukkabsatuu fi du’u heddudha.” jechuun deebise. 

Kadir ammoo Godina Arsii Adaabbaa irraa wagga afur dura gara Saawudii akka imale dubbata, waggaa lamaafis manneen hidhaa addaa addaa keessatti dararaa arguu isaa himuun, “Daraaraan manneen hidhaa saawudii keessatti lammilee Itoophiyaa baay’inaan Ijoollee Oromoo irratti raawwatamuu dabalaa malee hir’ataa hin jiru.”  jechuun haala jiru ibsa.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal


“Nu ajjessa yookan  nu galchaa jennee gaafannaan,  mootummaa keessantu dhufee isin fudhachuu qabaa nun jedhan kanaaf,mootummaan Itoophiyaa akka nuuf qaqqabu gaafanna”

Ibsaa

Ibsaa Jamaal nama biraa Addis Staandardiif yaada kennee yoo ta’u Harargee dhihaa maccaraa irraa gara Saawudii kan deeme fi batii sagaliif akka hidhame ibsee “Nu ajjessa yookan  nu galchaa jennee gaafannaan,  mootummaa keessantu dhufee isin fudhachuu qabaa nun jedhan kanaaf,mootummaan Itoophiyaa akka nuuf qaqqabu gaafanna” jedha.

Dhimma kana irratti mootumaan Itophiyaa gama imbaasiitiin lammilee kanneen gara biyya deebisuu fi dararamni irra ga’u akka dhaabbatuuf hojjataa akka jiru gabaafamaa turus rakkoon kun ammas furmaataa waaraa waan hin argatiniif lammileen achi jiran deeggarsi mootummaa Itoophiyaa akka isaaniif qaqqabuuf iyyaataa jiru.

 Gaaffiin isaanii guddaan lammilee kanneeni gara biyyaatti galuu yoo tahu, dhiphina hamaafi dhibeef saaxilamaa jiraachuu himatu.

Imbaasiin Itoophiyaa isaan iyyaafachuu dhiisuu kan komatan lammileen kunneen “Namootni manguddoota ta’an kan umurii torbaatamaa hanga daa’imman manneen hidhaa kana keessatti dhalatanitti hidhamanii as jiru, namni dhukkuba daddarbaa dhukkubsatee du’a,  nama du’eyyuu guyyaa 2 ykn 3 booda kadhannee gadi nurraa baasu, haala akkanaa keessa jirra,” jechuu haala sukkanneessaa keessa jiran ibsu. 

Adeemsi lammilee kanneen gara  biyyaa deebisuu akka salphatuu fi Manneen hidhaa keessatti dararaa fi dhiittaa mirga namoomaa lammileerra ga’u akka dhaabatuu  Itoophiyaa fi Saawudin walii galtee taasisuu dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsanii turan. 

Mootummaan Lammilee Achitti hafan haala akkamiin gara biyyatti akka fiduu fi dararaan mana hidhaa keessatti irra ga’aa jiru akkamiin dhaabachuu dadhabe kan jedhu irratti Addis Standard dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbussu yaale hin milkoofne.  

Haa ta’uu malee, Hojiin lammilee biyyoota Arabaa addaa addaa keessatti haala rakkisaa keessa  jiran torban torbaniin gara biyyatti deebisuun erga jalqabame ji’ootni afur darbaniiru.

Haluma kanaanis  turban darbe  kana qofa daa’imman heddu dabalatee  lammileen dhibba torbaa ol ta’an gara biyyaatti debifamuudha ragaan fuula facebook dubbi himaa Ministeera dhimma alaa irraa argame kan mul’isu. AS

Show More

Related Articles

Back to top button
Close

Adblock Detected

please consider supporting us by disabling your ad blocker