AfricaEthiopiaHouse of People's RepresentativesNewsState of Emeregncy

Oduu: Manni maree bakka bu’oota uummataa Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa raggaasuun boordii qorannoo hundeesse

Mana maree bakka bu’oota uummataa
Madda: House of Peoples Representatives of FDRE


Darajjee Gonfaa tiin  @DerejeGonfa

Finfinnee,Sadaasa 4/ 2021 – Itoophiyaatti labsiin yeroo muddamaa baatii ja’aaf turuu labsameera. Labsiin kun har’a mana maree bakka bu’oota uummataattii dhiyaachuun ragga’ee jira. 

Kana malees manni maree bakka bu’oota uummataa Boordii  Qorannoo labsii yeroo muddamaa hundeeffamee jira. Walitti qabaan  bordii kanaa Lammaa Tasammaa yoo ta’u itti antuun ammoo Warqasamuu Maammoti. Boordiin kun miseensota dabalataa shan qaba. 

  1. Lammaa Tasammaa(Dura ta’aa)
  2. Warqasamuu Maammoo (Itti aantuu)
  3. Salamoon Laalee(Miseensa)
  4. Biifti Mohaammad (Miseensa)
  5. Kiristaan Taaddalaa(Miseensa)
  6. Mitikkuu Mada(Miseensa)
  7. Gammachuu Bashaadaa(Miseensa)

Manni marii Ministirootaa walgahi ariifachiisaa  gaggeessuun sadarkaa biyyaaleessaatti labsii yeroo muddamaa kibxata darbe  labsera. Rakkoo biyyattiin keessa jirtu  karaa idileetin furuun rakkisaa waan ta’eef labsiin  yeroo muddamaa  fudhatamee akka hojiirra oolu Ministirrii Haqaa  Geediyoon Ximootiyoos (PHD) ibse. 

Bu’uurri kaayyoo labsii ariifachiisaa kanaas haala hamaa amma biyyatti  keessa jiru qaama nageenyaa fi tasgabbi idileen furuu  waan hin dandeenyeef, murtoon kun fudhatamuu eerameera.  

Qabiyyeen labsii yeroo muddamaa kanaa maal fa’i?

Qaamni Ajajaa labsii yeroo muddamaa itti waamamni isaa Ministura Muummef ta’e kan  Itaamaajoor Shuumii waliigalaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaan hogganamu yoo ta’u,  qaama kamuu too’achuu,  ajajuu, dargaggoota hidhatanii jiran leenjisuun gara waraanaatti geessuu ni danda’a. 

Qaamni Ajajaa  kun sa’aa daanga’e murteessuu danda’a. 

Tajaajila geejjibaa iddoo barbaadeefii akkaataa yaadeen daangessuu danda’a. 

Qaamoolee hidhata shororkessaa waliin qabu jedhee shakkee ajaja tokkoo malee sakatta’uu, hidhuu, gaafachuufi meshaalee argamee to’achuu ni danda’a.  

Tajaajila  mootummaa adda addaattis shakkii yoo qabaate dhaabsiisuuf aangoo qaba. 

Dhaabbilee Kallattiniis al-kallattiniis ”Humna shoroorkessaaf” deeggarsa hamilee, maallaqaas ta’ee meeshaan taasisan, i eeyyamnii isaa akka haqamuu gochuu danda’a. 

Miidiyaa fi Gaazexeessaa dhimma biyyaa irratti dhiibbaa uuman karaa qama dhimmi ilaallatuutiin  eeyyama isaanii haquu, saamsuu fi too’achuu danda’a. 

Dhimmoota  labsiichan  dhoorkaman.

• Labsii  kana mormuun, dhabbata shorkeessaa jajjabeessuun akkasumas odeessaalee namoota jeeqaan karaa kamiinuu raabsuun dhorkaadha.  

• Qaamoolee Ajaja kanaan beekkamtii argateen alatti qaamooleen walga’ii taa’uun dhorkaadha. 

 Eeyyaamaafi beekkamtii qaamolee kanneeniin alatti qaamnii meeshaa waraanaa qabatee deemuu kamuu dhorkaadha. 

• Hawaasni kamuu waraqaa Eenyummaa mana hojiifi gandaa qabatee socha’uufi yoo hin qabaannee gandaafii Aanaa jirutti imaluun guyyoota 15 dhufan kessatti galmaa’ee waraqaa eenyummaa yeroo qabaachuu qaba. 

 • Kenniinsa tajaajilaafi meeshaalee bu’uuraarratti gatii hin malle dabaluun shira diinagedee hojjachuun  dhorkaadha. 

Labsii kana hojii irra oolchuuf taayitaa  faayidaa dhuunfaaf fayyadamuun dhorkaadha. 

Qajeelfamoota bahan hojiirra oolchuu dhabuun tarkaanfii sirreeffama hanga waggaa 3 hanga waggaa 10 adabsiisuu danda’a. 

Labsiin yeroo muddamaa kunis Sadaasa 2/2021  irraa jalqabee baatii jahaaf kan turu yoo ta’uu, haala yeroo irratti hundaa’uun Manni maree bakka bu’oota uummataa yeroo kana gabaabsuu ykn ammoo dheeressuu danda’a. AS

Show More

Related Articles

Back to top button