DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Kaafaatti balaa sigiga lafaa mudateen maatii tokko keessa lubbuun namoota sadi darbe

Finfinnee, Adoolessa 26/2024 – Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaa godina Kaafaa aanaa Dechaatti rooba Roobii Adoolessa 24, 2024 halkan roobe hordofee balaa sigiga lafaa mudateen miseensota maatii tokko keessa lubbuun nama sadii darbe. 

Balaan Roobii darbe halkan keessaa naannoo sa’aatii 10:00’tti mudate kanaan maatii tokko keessaa daa’imman waggaa sadii fi saddeet dabalatee lubbuun namoota sadi darbuu waajjirri kominikeeshiniin godinichaa ibseera.

Kana malees, maanguddoon miseensuma maatii kanaa ta’an tokko miidhaa ulfaataa irra gaheen gara magaalaa Boongaa, Hospitaala Waliigalaa Gabratsaadiq Shaawootti geeffamanii wal’aansa argachaa akka jiran ibsameera. 

Dabalataan balaa sigiga lafaa kanaan oyiruu qonnaan bulaa, akkasumas qabeenya fi beeylada jiraattota irratti miidhaan ulfaataa gahuu bulchiinsi godinichaa beeksiseera. 

Iddoo balaan kun qaqqabeetti argamanii gadda isaanii kan ibsatan godina Kaafaatti waamamaa olaanaa mootummaa Obbo Axinaafuu Haayilee, akka godinichaatti gandoota balaa kanaaf saaxilamoo ta’an 84 adda baafamee hojiin hojjetamaa turuu eeraniiru. 

Ammallee rooba cimaa waqtii gannaa kanarratti roobu ilaalcha keessa galchuun kutaalee hawaasaa hafan yeroof gandoota kana gadhiisanii naannawaa isaanif qophaa’etti qubachuu akka qaban hubachiisaniiru. 

Haaluma walqabatuun, naannoo Oromiyaa godina Jimmaa aanaa Gommaa gandoota garaagaraa keessatti tibbana sigigaachuun lafaa mudachuu ibsameera. 

Kominikeeshinii Aanaa Gommaa akka beeksisetti, sigiga lafaa kun gandoota aanichaa kan akka Qadaa Mayee, Funxullee, Bashaashaa fi Barsooma keessatti mudateera. 

Rooba humnaa ol roobaa jiruun walqabatee sigiga lafaa tibbana aanicha keessa mudate kanaan miidhaan lubbuu namaa irratti qaqqabe kan hin jiraanne ta’uus, “hawaasni balaa kanaaf akka hin saaxilamneef qophii dursaa fi of eeggannoo gahaa akka taasisu” bulchiinsi Aanaa Gommaa dhaamsa dabarseera. 

Tibbana naannoo Kibba Itoophiyaa godina Goofaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 229 ol darbuu aanga’oonni mootummaa mirkaneessaniiru. 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Dhimoota Namoomaa (OCHA) gama isaatin balaa kanaan hanga ammaatti lubbuun namoota 257 ol darbuu akka mirkanaa’e fi lakkoofsi kun 500 gahuu akka danda’u ibseera. AS

Related Articles

Back to top button