ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mariin hoggantoota waraanaa gidduu Taanzaniyaatti adeemsifamaa jiru haala gaariirra gahuu hordofee qondaaltonni mootummaa olaanoo marichatti makaman

Finfinnee, Sadaasa 13/2023 – Mariin mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa, Daar es salaamitti adeemsifamaa jiru “fooyya’insa gaarii” agarsiisaa jiraachuu maddeen garee maricha qindeessanitti dhihoo ta’an Addis Standarditti himaniiru.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Muummicha Ministiraa Reedwaan Huseen fi MinistIra Haqaa Geediyoon Ximotiwoos guyyaa kaleessa marii Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa jirutti akka makaman himameera. Akka maddeen kun jedhanitti, haalli kun “milkaa’ina marichaa irratti mari’attoota fi garee qindeessitoota marichaa biratti amantaa uumamuu kan agarsiisu” ta’ee ilaalama.

Guyyoota marii kanaa booda, qaamoleen lamaan dhimmoota ijoo ilaalamaa jiran gara furuutti ce’uu isaanii odeeffannoon Addis Standard argate ni mul’isa.

Mariin Kibxata torbe darbe, magaalaa guddoo Taanzaaniyaa keessatti, hoggantoota waraanaa olaanoo gama lachuu gidduu eegaluun dura, qondaaltonni olaanoo mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa, akkasumas miseensonni WBO bakka bu’an lama, torban sadan darban keessatti “marii siyaasaa” taasisanii turan. 

Addis Standard maddoota dippilomaasii wabeeffachuun akka gabaasetti, “bu’aan gaariin” marii siyaasaa torban sadiif gaggeeffame argamsiise marii qondaaltota waraanaa olaanoo gama lameenii gidduutti adeemsifamaa jiruuf karaa saaqeera. Kana malees, aanga’oonni “marii siyaasaa” torban sadan darbaniif adeemsifame irratti hirmaatan ”mariin kun gara waliigaltee mallatteessuutti yoo ce’e akka itti makaman ni eegama,” jechuun gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Jilli Ameerikaa, Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Haamaariin durfamu, fi dippilomaatonni olaanoo Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Gidduu (IGAD) bakka bu’an, akkasumas mootummoota Keeniyaa fi Noorweey marii kanaaf haala mijeessaa jiru.

Barreessaa Olaanaa IGAD, Dr. Worqinah Gabayyoo, marii kanaaf dammaqinaan haala mijeessaa akka jiran maddeen Addis Standard wabeeffate ibsaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

​Dubbi himaan IGAD, Nuur Mohamud Sheekh, marii kana irratti hogganaan IGAD argamuu isaanii mirkaneessuu hin dandeenye, garuu “barreessaan olaanaa IGAD qormaata biyyoota miseensa ta’an hunda keessatti mul’atan furuuf bakka barbaachisu hundatti deeggarsa kennuudhaaf kutannoo cimaa qaban irra deebi’ee nan mirkaneessaa” jedhan. Itti dabaluun, IGAD marii gaggeeffamaa jiru furmaata itti fufiinsa qabu akka argamsiisu abdii qaba jedhan.

Ji’a Caamsaa bara kanaa bakka bu’oonni gama lamaanii yeroo jalqabaaf wal arguun marii waldhabdee waraanaan waggoota shaniif dhiyaatu naannoo Oromiyaa keessatti uumame xumuruuf waliigaltee irra ga’uuf kaayyeffate torbee tokkoof Taanzaaniyaa Zaanzibaar keessatti gaggeessanii turan. Gamoonni lachuu marii taasifame irratti fooyyee gaarii argamu kan ibsan ta’us, mariin marsaa tokkoffaa kun waliigaltee malee xumurame ture.

Marii marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Diriibaa ykn baay’inaan Jaal Marroo jedhamuun beekamu hirmaachise Kibxata torbee darbe eegalee Taanzaaniyaa, Daar es Salaam keessatti gaggeeffamaa jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo marii kana irratti walumaagalatti hirmaattota saddeetiin bakka bu’ama. Isaan keessa afur Ajaja WBO Lixaa fi Giddugaleessaa irraa Ajajaa Olaanaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootiin durfamu; lama Ajaja Kibbaa WBO irraa Gammachuu Raggaasaan durfamu, akkasumas namoota dabalataa marii marsaa tokkoffaarra turan Ejersoo Urgeessaa, fi Jireenyaa Guddataa hirmaachaa jiru.

Mootummaa federaalaa bakka bu’uun Itti-gaafatamaa Odeeffannoo Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Geetaachoo Guddinaa fi Itti aanaa isaanii Meejar Janaraal Damis Amanuu argamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button