ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu marii marsaa haaraa akka itti fufu jaarmiyaaleen hawaasa Oromoo-Ameerikaa gaafatan

Finfinnee, Muddee 05/2023 – Mariin araaraa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu marsaa lamaaf gaggeeffamee addaan cite deebi’ee akka eegalu jaarmiyaalee hawaasa Oromoo biyya Ameerikaa jiraatan lakkoofsaan 23 ta’an gaafatan. Jaarmiyaaleen kunneen xalayaa banaa mootummaa Itoophiyaa, WBO fi haala mijeessitoota marichaan barreessaniin waraana waggaa shaniif Oromiyaa keessa lubbuu fi qabeenya hedduu mancaase dhaabsisuuf mariin karaa filatamaa ta’uu akka amanan ibsaniiru. 

Mariin marsaa tokkoffaa baatii Caamsaa darbe keessa waliigaltee malee erga xumurame booda mariin marsaa lammaffaa Taanzaaniyaa, Daar es Salaamitti bakka hoggansa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hoggantoota olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, akkasumas haala mijeessitoota idil addunyaa argamanitti akka gaggeeffamu wayita dhagahamu abdiidhaan eegaa turuu kan ibsan jaarmiyaalee kunneen, waliigaltee malee xumuramuu akka isaan gaddisiise ibsaniiru. 

Deeggarsa fi dhiibbaa qaamolee alaa malee, gamoonni lachuu waldhabdee mancaatii guddaa qaqqabsiise kana karaa nagaa furuu fi naannicha keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf gara mariitti deebi’uuf hamilee waan qaban hin fakkaatu kan jedhan jaarmiyaaleen Oromoo kunneen, qooda fudhattootni idil addunyaa dhiibbaa akka godhan waamicha godhaniiru.

“Gamoonni lamaan waliigalteetti dhihaataniiru jennee amanna, waliigalteen ni danda’ama jennees abdii qabna. Faayidaa siyaasaa cinaatti dhiisanii amanamummaa gaarii fi faayidaa ummata Oromiyaa tarkaanfachiisuuf waadaa galanii yoo mari’atan waraana dhaabsiisuu fi araaraan xumuruuf wanti isaan dhorku hin jiru. Wanti gama lachuu hubachuu isaan barbaachisu injifannoon waraanaa salphaatti kan hin argamne fi dhumarratti mariin kan hin oolle ta’uu isaati,” jedhan. 

Jaarmiyaaleen Oromoo kunneen xalayaa isaaniin, gamoonni lachuu hatattamaan gara mariitti akka deebi’an dhaamaniiru. “Mootummaan Itoophiyaa gama tokkoon waan danda’u hojjatee tarkaanfiiwwan WBO waliin wal amantaa fi nageenya ijaaruu uumuuf barbaachisan irratti akka bobba’u waamicha dhiyeessina. Akkasumas WBO fi mootummaan Itoophiyaa hamma badiisa waldhabdeen kun fide hubatanii araarama kabaja fi qajeelfama irratti hundaa’e irratti akka waliigalan gaafanna. Wanti biraa yoo ta’uu baate, ummata keenyaaf jecha hatattamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka waliigalan waamicha goona,” jedhan.

Barreessaan Olaanaa IGAD “gamoonni lamaan dhimmoota hafan furuuf marii marsaa haaraa akka jalqaban” abdii qaban ibsuu isaanii akka gaariitti fudhachuu isaaniis ibsaniiru. Kana malees, Ameerikaan waldhabdee kana karaa nagaan furuufi ummata Oromiyaaf nagaa mirkaneessuuf kutannoo akka qabdu Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa Ameerikaa ibsa kennan ni dinqisiifannas jedhan.

Deeggarsa qooda fudhattoota alaa malee, gamoonni lachuu waldhabdee karaa nagaa furuu fi naannicha keessatti nageenya waaraa ta’e argamsiisuuf gara mariitti deebi’uuf hamilee waan qaban hin fakkaatu kan jedhan jaarmiyaaleen Oromoo kunneen, haala mijeessitoota fi taajjabdoonni gaanfa Afrikaa fi idil-addunyaa dhimmoota hafan furuu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu galmaan ga’uuf marii marsaa haaraa akka jalqabu dhiibbaa akka godhan dhaamaniiru. AS 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button