ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Mormiin jalqabaa Obbo Taayyee Danda’aa himannaa irratti dhiyaateef dhiyeessan kufaa ta’e

Finfinnee, Caamsaa 21/2024 – Manni murtiin mormii sadarkaa jalqabaa Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aan himannaa irratti dhiyaateef dhiyeessan kufaa taasise. 

Iyyannoo himatamaan “himatni narratti dhiyaate haa fooyya’u” jechuun dhiyeessan “himata fooyyessuuf bu’uura seeraa hin jiru” jedhamuun kufaa ta’uu ibsameera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi ramaddii 1ffaa Lidataa dhimmoota yakka heera mootummaa fi sirna heera mootummaa oolmaa har’aatin, Obbo Taayyeen “barreeffama ani barreesse olola miti, yakka raawwadhees hin jiru” jechuun jecha laataniiru. 

Abbaan Alangaa himata kana keessatti Ministira Nageenyaa qofa jedhe akka caqase eeruun, “ani miseensa Mana Maree Caffee Oromiyaa fi miseensa Koree Giddu galeessaa Paartii Badhaadhinaati; kun naaf haa eeramu” jechuun iyyataniiru.

Obbo Taayyeen dhibee Alaarjii waanan qabuuf Kaateen harka kootti akka hin kaawwamne naaf haa ajajamu jechuun gaafataniiru.

Abbaan Alangaas, Obbo Taayyeen yakka raawwatan waakkachuun falmaa jiru waan ta’eef ragaan naaf haa dhaggeeffatamu jechuun gaafateera.

Manni Murtiis iyyannoo isaaf ajaja kan kennu ta’uu ibseera. Akkasumas ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuuf Caamsaa 29, 2016 ALI beellameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button