ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mariin nagaa marsaa lammaffaa mootummaa federaalaa fi WBO gidduu taasifamaa ture waliigaltee malee xumurame

Finfinnee, Sadaasa 21/2023 – Waraana waggoota shanan darbaniif Oromiyaa goolaa jiruuf furmaata laachuuf kaayyeeffame mariin nagaa mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu torban lamaan darbaniif #Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuu mootummaan federaalaa har’a galgala beeksise.

Marii kana irratti hirmaachaa kan turan gorsaa dhimma nageenyaa MM Abiy Ahimad, Reedwaan Huseen, “Mariin marsaa kanaa Taanzaaniyaa, Daar es Salaamitti gaggeeffame. Mootummaan federaalaa adeemsa marii kana keessatti kaayyoo dhukaasa dhaabsisuufi miidhaa fi badiisa hambisuuf qabu qabatee hirmaachaa tureera,” jedhan. 

Akka maddeen dippilomaasii har’a Addis Standarditti himanitti, gamoonni lamaan “dhimmoota barbaachisoo irratti” waldhabdee Wiixata irraa eegalee gidduu isaanii cimee ture furuu hin dandeenye. 

Gama Waraana Bilisummaa Oromoo gaaffii “bulchiinsa hunda hammatee fi paartilee siyaasaa Oromiyaa hunda hirmaachisuu” dabalatee “jijjiirama bulchiinsa guddaa” irratti mari’achuuf yaada dhiheesse ture, gama mootummaan ammoo sirreeffama WBO irratti taasifamu qofa irratti xiyyeeffachuu isaa maddeen dabalataan ibsaniiru. 

Garuu mootummaan “gaaffii dhugoomuu hin dandeenye gaafatan” jechuun mariin waliigaltee malee xumuramuuf WBO gaafatama godheera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa gama isaatiin baaseen, mariin marsaa lammaffaa waliigaltee malee xumuramuu mirkaneessuun “mootummaan Itoophiyaa hoggansa WBO ofitti makuuf qofa malee rakkoolee bu’uuraa qormaata nageenyaa fi siyaasaa biyya kanaa furuuf fedhii hin qabu” jechuun komate.

Ibsa kaleessa galgala baaseen, “ABO-WBO marii marsaa kana keessatti hoggansa isaa ol’aanaa hirmaachiseera. Gaaffilee ijoo ummata keenyaa furuuf daandii saaquuf, ABO-WBO yaada hunda qabatee Oromiyaatti jijjiirama hiika qabeessa ta’e fiduuf Zanzibaar irraa kaasee hanga Daar es Salaamitti dhiyaatee mari’ateera,” jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Mootummaan Itoophiyaa adeemsa sirrii hordofuu dhabuu isaarra kan ka’ee carraan seena qabeessa ta’e kun fashalaa’eera,” jedhe.

Akkamiin gara marii nagaatti seename? 

Qaamonni lamaan kun waraana waggoota shanan darban keessa naannoo Oromiyaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafate fi gaaga’ama lakkoofsa hin qabne geessise furuuf tarkaanfii fudhachuu kan jalqaban, erga bara 2022tti miseensota mana maree Caffee Oromiyaa fi mootummaa Ameerikaa dabalatee qaamolee garagaraa irraa waamichi nagaa dhagahamu jabaachaa dhufee boodadha.

Baatii Ebla darbe keessa, Muummichi Ministiraa Abiy Ahimad waamicha araaraa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dhiyeessan mirkaneessuun yeroo jalqabaatiif waldhabdee kana furuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru mul’isaniiru. Adeemsa marii kanaa sadarkaa paartiin akka irratti murteeffame fi koree marii araaraa mootummaa bakka bu’u ijaaramuu ibsaniiru. 

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin bakka qaamni sadaffaa amanamaa ta’e jirutti marii irratti hirmaachuuf qophii ta’uu irra deddeebi’iin ibsaa tureera. Maanifeestoo baatii Amajjii bara kana maxxansee keessattis “rakkoolee siyaasaa walxaxaa Itoophiyaaf furmaanni waaraa fi itti fufiinsa qabu kan bu’uu danda’u marii siyaasaa bal’aa hunda hammatee, qooda fudhattootaa fi bakka bu’oota humnoota siyaasaa hunda hirmaachiseen” ta’uu ibseera.

Haaluma kanaan Ebla 25 bakka bu’oonni gama lameenii yeroo jalqabaaf Taanzaaniyaa, Zaanzibaaritti bakka haal mijeessitoota kan akka IGAD, mootummoonni Noorweey fi Keeniyaa argamanitti walga’uun torbee tokkoof marii taasisaniiru. Gamoonni lachuu marii taasifame irratti adeemsa abdii namatti horuurra gahamuu ibsanis, mariin kun waliigaltee malee xumurame. 

Mootummaan federaalaa marii kana “baay’ee gaarii” jechuun ibse, garuu “marii marsaa kana keessatti dhimmoota tokko tokko irratti waliigalteerra ga’uun “hin danda’amne” jedheera. Haaluma walfakkaatuun, WBOn “dhimmoota tokko tokko irratti wal hubannoorra ga’amuus, marii marsaa kanaa irratti dhimmoota siyaasaa ijoo irratti waliigalteerra ga’uun hin danda’amne” jedhe ture.

Baatii jahaan booda, Sadaasa 07 marii marsaa lammaffaa Taanzaaniyaa, magaalaa Daar es Salaam keessatti bakka Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo fi iIti aanaan isaa Gammachuu Raggaasaa ykn Jaal Gammachuu Abboyyee argamanitti eegale. 

Marii kanaan dura torbeewwan darban keessa “marii siyaasaa” qondaaltota olaanoo mootummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa, akkasumas miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo lama hirmaachise gaggeeffame ture.

Mariin nagaa marsaa lammaffaa kana haala mijeessuu irratti Ameerikaan karaa Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa ishee Ambaasaaddar Maayik Haamariin, akkasumas Barreessaa Olaanaa IGAD Dr. Warqinah Gabayyoo, fi dippilomaatonni olaanoo mootummoota Keeniyaa fi Noorweey bakka bu’an gahee olaanaa taphataniiru. AS

Related Articles

Back to top button