ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Ajajaan WBO Kibbaa mariif Taanzaaniyaa gahe; Ameerikaa, IGAD, Keeniyaa fi Noorweey haala mijeessummaan hirmaachaa jiru

Finfinnee, Sadaasa 08/2023 – Mariin mootummaa Itoophiyaa fi bakka bu’oota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamaa jiru Taanzaaniyaa, Daar es Salaam, Hoteela Hyaat Rajansii keessatti ta’aa jiraachuu maddeen dippilomaasii dhimmichatti dhihoo ta’an Addis Standardtti himaniiru.

Kana malees, Ajajaa WBO Kibbaa Gammachuu Raggaasaa ykn Jaal Gammachuu Abboyyee fi itti aanaan isaa, buufata isaanii Kibba Oromiyaa Boorana irraa karaa Keeniyaatiin gara bakka walga’ii kanaatti har’a ganama balali’uu isaaniis maddeen walfakkaatan mirkaneessaniiru.

Mariin kun giddu-galeessitootaa fi haala mijeessitoota alaa irraa deeggarsa cimaa kan qabu yoo ta’u, keessattuu Ameerikaan karaa jila Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Haamariin durfamuu fi dippilomaatota olaanoo IGAD bakka bu’an, akkasumas mootummoota biyyoota Keeniyaa fi Noorweey argamu. 

Mootummaa federaalaa bakka bu’uun Itti-gaafatamaa Odeeffannoo Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Geetaachoo Guddinaa fi Itti aanaa isaanii Meejar Janaraal Damis Amanuu argamaniiru. Lamaanuu qaama marii marsaa jalqabaa Caamsaa keessa Taanzaaniyaa Zaanzibaar keessatti gaggeeffame keessaa tokko ta’u isaaniinni yaadatama.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin walumaagalatti hirmaattota saddeetiin bakka bu’ama. Isaan keessa afur Ajaja WBO Lixaa fi Giddugaleessaa irraa Ajajaa Olaanaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootiin durfamu; lama Ajaja Kibbaa WBO irraa Gammachuu Raggaasaan durfamu, akkasumas namoota dabalataa marii marsaa tokkoffaarra turan Ejersoo Urgeessaa, fi Jireenyaa Guddataa hirmaachaa jiru.

Qondaaltonni olaanoo mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa keessa hammataman, akkasumas miseensonni WBO bakka bu’an lama, torban sadan darban keessatti “marii siyaasaa” haaromfame taasisuun, “bu’aa gaarii” argame marii kaleessa eegalee qondaaltota waraanaa olaanoo gama lameenii gidduutti adeemsifamaa jiruuf karaa saaqeera.

​Aanga’oonni “marii siyaasaa” torban sadan darbaniif adeemsifame irratti hirmaatan ”mariin kun gara waliigaltee mallatteessuutti yoo ce’e akka itti makaman ni eegama,” jechuun maddeen dippilomaasii Addis Standard ibsaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button