ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Kutaalee Oromiyaa garaagaraatti walitti dhukaasa humnoota mootummaa fi WBO gidduu itti fufeen lubbuun namoota nagaa darbe

Finfinnee, Ebla 19/2024 – Torban muraasa darban keessatti kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti walitti dhukaasa humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffameen walqabatee namoota nagaa irratti ajjeechaan raawwatamuu jiraattoonni himan. 

Keessattuu godinaalee Wallaggaa afran [Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa] dabalatee kutaalee naannichaa hedduu keessatti namoonni nagaa ajjeefamuu jiraattoonni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa’aa gandoota garaagaraa keessatti “waraana jabaa” humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee jiraattoonni aanichaa “rakkoof saaxilame” jedhan. 

“[Qaamoleen mootummaa] meeshaalee kan akka hankaaksee fi eeboo nutti kennanii shanee barbaadaa jedhanii nu dirqisiisaa jiru,” jedhe jiraataan aanichaa tokko. 

Akkasumas, namoonni 60 ol ta’an “Shanee deeggartu” jechuun ajaja mana murtii malee mana hidhaa Aanaa Sulula Fincaa’aa keessatti ji’a tokko ol hidhamanii jiraachuu eere. “Erga hidhamanii ji’a tokko ol ta’eera garuu hanga yoonaatti mana murtiitti hin dhiyaanne.” 

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuuttis torban lamaan darbaniif “waraanni jabaa” adeemsifama jiraachuu jiraattoonni Addis Standarditti himaniiru. Walitti bu’iinsa qaamolee hidhatan lamaan [Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo} gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee jiraattoonni “dhaqaa Shanee fidaa” jedhamanii dararamaa jiraachuu himu. 

Walitti bu’iinsa humnoota lamaan gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee lubbuun namoota nagaa darbaa jiraachuu jiraattoonni Addis Standarditti himan. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Beegii ganda Shuuraa Loophii keessatti walitti bu’iinsa kanaan walqabatee Ebla 15, 2024 ganama naannoo sa’aatii 1:00tti namoonni nagaa afur “Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu jedhamuun” ajjeefamuu jiraataan gandichaa tokko Addis Standarditti himeera.

Akka jiraataan yaaddoo nageenyaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne kun jedhetti, jiraattoonni gandichaa ajjeefaman kunneen Qaddamaa Daassisaa, Abraahim Haaji Abdullaahi, Tolasaa Sirneessaa fi Yohaannis Ibsaa jedhamu. Ajjeechaan kun “humnoota mootummaan kan raawwatame” ta’uus dabalee himeera. 

Jiraataan ganda Shuuraa Loophii kan biraan ammoo walitti dhukaasa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu gaggeeffamaa jiruun jiraattoonni gandichaa nageenya isaanif sodaatanii gara bosonaatti baqachuu hime. “Uummanni gara bosonaatti baqate ture guyyaa har’a gara qe’eetti deebi’aa jira.”

Godina Qeellam Wallaggaattis lubbuun namoota nagaa darbuu jiraattooni himaniiru. Godinicha keessatti jiraataan aanaa Anfilloo kan ta’an Ayyaanaa Deeguu Bitootessa 21, 2016 ALI ooyiruu isaanirratti buna sassaabaa otoo jiranii ajjeefamuu miseensi maatii isaanii tokko Addis Standarditti himeera. 

Ajjeechaa kana “miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaan kan raawwatame” ta’uu hime.

“Torban sadi duras namni Maastawaal jedhamu ‘Shanee deeggarta’ jedhamuun ajjeefame. Waggoota jahaan darban keessatti ganda keenya keessa qofa nama 14 ol ta’an sababuma kanaan ajjeefaman.”

Haaluma walfakkaatuun, godina Wallagga Lixaa Aanaa Qondaalaa ganda Koollee Cerbaa keessatti haleellaa humnoonni nageenyaa mootummaa Ebla 01, 2024 raawwataniin jiraataan Muujadii Mohaammad jedhamu ajjeefamuu jiraattoonni Addis Standarditti himaniiru. 

“Ganda Koollee Cerbaa keessatti qonnaan bultoonni Shanee deeggartu jedhamuun dararamaa jiru. Oomisha isaanii alatti qabeenyi beeladaa isaanilee saamamaa jira,” jedhe jiraataan gandichaa tokko. 

Kana malees, godina Shawaa Bahaa magaalaa Baatuu fi Maqiitti walitti bu’iinsi hidhattoota WBO fi humnoota mootummaa jidduutti itti fufuu VOAn jiraattonni magaalota kanaa wabeeffachuun gabaaseera. 

Jiraataan magaalaa Baatuu waa’ee lola kanaa ennaa ibsan, “walitti dhukaasi Wixata halkan haga barii Kibxataatti gaggeeffamaa ture,” jechuun ammallee sochii magaalatti danquu himan. Gama biraatiin, walitti dhukaasa magaala Maqiitti Wixata halkan mudate jedhameen qabeenyi baduu fi namootni afur butamuu eeran.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa Kamisa baaseen, Ebla 14, 2024 Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti humnoonni mootummaa “miseensa maatii tokkoo ukkaamsanii deemuuniin kaan ajjeesanii gatanii kaan achi buutee dhabamsiisuu caasaa keenya irraa mirkaneeffaneerra” jedhe.

Haadha ijoollee afur kan t’an Aadde Ruqiyya Sadee, Abdulkariim Jawaaroo Sadee, Su’uudii Hajjii Waaqoo fi mama ammaaf maqaan isaa hin baramne tokko ajjeefamuu kan ibse dhaabichi haala ammaa kutaalee Oromiyaa keessa jiruun ”goolii diimaa bara dargii kan caalaa ulfaataa fi hammaataa tahedha” jechuun ibse.

ABOn ibsa isaatin, “maatiin tarkaanfii ajjeechaa irratti fudhatame kunneen Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdaniin tibba darbe mana jireenyaa isaanii ganda Haqoo Kaarratii erga qabeenyaa waliin jalaa gubamee booda lubbuu isaanii baafachuuf jecha Ona Adaabbatti baqatan,” jedheera. AS

Related Articles

Back to top button