SIYAASAXIINXALA ODUU

Xiinxala oduu: MNO hidhattoonni WBO "karaa nagaatiin deebi’aa jiru" yoo jedhu WBOn waraannisaa “gabbataa” jiraachuu hime

Finfinnee, Ebla 22, 2024 – Miidiyaalee fi aanga’oonni mootummaa miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) karaa nagaatiin deebi’aa jiru oduu jedhu tamsaasaa kan jiran yoo ta’u, WBOn, gamasaatiin, waraannisaa yoomiyyuu caalaa cimaa jiraachuu himeera.

Miidiyaan mootummaa OBN gabaasa Ebla 12, 2024 qindeesseen, aanaalee Godina Wallagga Bahaa keessatti argaman keessatti “miseensonni “ABO Shanee 24” harka kennataniiru jedheera.

Miseensonni WBO 24 Godina Wallagga Bahaa aanaalee Gudayyaa Biilaa, Sibuu Siree, Limmuu, Kiiramuufi Nuunnuu Qumbaatti waamicha karaa nagaafi tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu humna nageenyaan harka kennachuun gabaafameera. Duula raawwatamaa jiru kanaan meeshaaleen waraanaa gara garaas to’atamaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun miidiyaaleen mootummaafi qondaalonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa miseensonni WBO harka kennachaa jiru oduu jedhu tamsaasaa turaniiru.

Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa yaaliiwwan araaraan nagaa buusuuf taasifamaa turan “shira qaamoleen adda addaa biyya keessaafi alaa xaxaa turaniin osoo hin milkaa’in hafuu” eeruun yeroo ammaa kana hidhattoonni WBO “kumaatamaan lakkaawaman” karaa nagaatiin galaa jiru jedheera.  

Hidhattoonni kunneen karaa nagaatiin kan galan waamicha nageenya buusuu hojii MNO ummataafi qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun dabarsaa jiruufi hojjachaa jiruun kan walqabatu ta’uu Obbo Abdiisaan eeraniiru. Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru araaraan xumuruuf balballi mootumaa banaa ta’uus dabalee eereera.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti, rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessatti mudate karaa nagaatiin hiikuu dhabuun “qabsoo ummatichaa irbaata kiyyoo diinaa kan taasisuudha.”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Miseensota “qalbii jijjiiratanii gara nagaatti dhufaniif” mootummaan haala barbaachisaa mijeessuun hojii deebisanii ijaaruu kan hojjatu ta’uu pireezidaantiin kuni dubbataniiru.

Ajajaan WBO Obbo Kumsaa Dirribaa kan baay’inaan maqaa Jaal Marroo jedhuun beekamu, gamasaaniitiin, turtii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa jedhamu waliin taasisaniin  rakkoo nagenyaa naannoo Oromiyaa keessatti mul’atu karaa nagaatiin furuuf marii nageenyaa Taanzaaniyaatti yeroo darbe gaggeeffamerratti hirmaachuu ibsuun Mootummaan Itoophiyaa garuu rakkoo Oromiyaa keessaa waraanaan furuuf yaaluunsaa rakkoo ijoodha jedheera.

Marii nageenyaa Taanzaaniyaatti taa’ame hordofuun, mootummaan waraanicha humnaan goolabuu karoorfatee humna qabu hundaa duula haaraa WBO irratti banuu dubbateera.  

Qaamoleen araaraaf haala mijeeessaa turan waraana kana karaa nagaatiin akka xumuramuuf mootummaan garaa akka bal’ifatuuf waamicha taasisaa turuu eeruun mootummaan garuu yeroo ture waraanaan humnaan furuuf yaalii taasiseera jedheera.

Haa ta’u malee, duulli humnaa mootummaan WBO irratti bobbaase qabsoo WBO irratti dhiibbaan fide kan hin jirre ta’uu himu. “WBO meeshaatiiniis humnaaniis kan darbe caalaa gabbataa jira” Kumsaatu jedhe.

Itti aanaa Ajajaa WBO Zoonii Kibbaa Jaal Gammachuu Abbooyyee fedhiin mootummaa waraana dhaabsiisuurratti malee rakkoo dhimma siyaasa Oromoo kan qawween akka ka’uuf sababa ta’e furuurratti kan xiyyeeffate miti jedheera.

Waliigalteen mallaatteeffamu rakkoo siyaasa Oromoo bara dheeraa hundeerraa kan furu waan hin taaneef milkaa’uu dhabuu dubbateera. Gaaffiin WBO gaaffii aangoo osoo hin taane gaaffii siyaasaa bara dheeraa ta’uu Jaalli kuni dubbateera.

Kaayyoon WBO rakkoo Oromoo bu’uurarraa furuu yoo ta’u mootummaan garuu waraana dhaaburratti qofa xiyyeeffatee maricharratti hirmaachuunsaa rakkoon jiru akka hin furamne taasiseera jedhe. Gaaffiin siyaasaa uummanni Oromoo kaasu irratti mariin osoo hin eegalamin WBO hidhannoo akka hiikkatu mootummaan gaafachuun mariin marsaa lammaffaa akka fashalaa’uuf sababa ta’uu Kumsaan eereera.

Akka dubbii Jaal Kumsaatti, sababni ijoon milkaa’uu dhabuu marichaa akkaataa adeemsa hidhannoo hiikkachuuif deebisanii ijaaruurratti waliigaluu dhabuurraa kan ka’eedha. Qabsoon seenaa Oromoo keessatti mucucaafi ganamuu hedduu turuun eeruun adeemsi nageenyaa sirrii ta’e osoo hin hordofamin hidhannoo hiikkachuun yaaddeessaa ta’uu dubbateera.

Mariin marsaa lammaffaa Taanzaaniyaatti gaggeeffame marii yeroo biraatiin akka itti fufu waliigaluun haa goolabamu malee mootummaan ololaafi duula marsaa haaraa eegaluu Kumsaan himeera. Mariin marsaa lammaffaa gaggeeffamuun duratti WBOn tarsiimoo WBOn maricharratti ittiin hirmaatuun walqabatee Jenevaatti mariin gaggeeffamuu eereera.

Aanga’oonni mootummaa maricharratti hirmaatan gaaffilee WBOn gaafatuuf deebii “kana heerichi hin eeyyamu” jechuun heera biyyattii dahoo godhachuun gaaffii mirga diimookraasii deebisuuf eeyyamamoo ta’uu dhabuu ajajaan kuni dubbataniiru. AS

Related Articles

Back to top button