ODUUSIYAASA

Oduu: Obbo Taayyee Danda'aa mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Ebla 25, 2024 – Ministeera nageenyaatti deetaa ministeera kan turan Obbo Taayyee Danda’aa yakka humnoota farra nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii 1ffaa Lidataatti dhiyaachuun himanni isaanii dhagahamuun miidiyaan mootummaa gabaaseera.

Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Obbo Taayyeerratti himata gosa sadii baneera.

Obbo Taayyeen ergaawwan farra nageenyaa deeggaranii fi miidiyaa hawaasummaa maqaa isaaniin banamaniin ololaawwan adda addaa tatamsaasaan jechuun himateera.

Akkasumas eeyyama osoo hin qabaatin labsii meeshaalee waraanaa bahe cabsuun Kilaashiin Koovii dadachaatuu 1, kaartaa  2 rasaasa 60 waliin mana jireenyaa isaanii keessaa sakattoo taasiifameen argameera jechuun himateera.

Obbo Taayyeen mana murtiitti dhiyaachuun himata baname dhagahaniiru. Obbo Taayyeen mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.

Manni murtichaas dhimma wabii gaafatame ilaalchisee yaada murtoo kennuuf Ebla 24, 2016’tti beellameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button