DHIMMA HAWAASAASIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: ‘Abdii barnootarra qabnu dhabne’: Lixa Oromiyaatti barattoota kumaatama sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’aniiru

Abdii Biyyansaa fi Naatinaa’eel Fiixeetin 

Finfinnee, Caamsaa 23/2024 – Walitti bu’iinsa waggoota jahaan darban Lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Wallagga arfan, keessatti itti fufiinsaan lubbuu namoota nagaa fi jireenya hawaasummaa irratti miidhaa geessisaa jiru damee barnoota irratti dhiibbaa olaanaa geessiseera. 

Lixa Oromiyaa waggoota hedduuf barattoota qormaata biyyaaleessaa irratti qabxii olaanaa galmeessuun akka Naannoo Oromiyaa fi sadarkaa biyyaaleessaatti maqaan isaanii adda durummaan ka’u oomishuun beekamu, amma barattoonni hedduu sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’uun abdii kutannaa keessatti argamu.  

Sababa walitti bu’iinsa waggootaaf itti fufaa jiru kanaan hawaasa qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqa’uuf dirqame keessa tokko barataadha. Sababa yaaddoo nageenyaa jiruunis shamarran dabalatee barattoonni hedduu baratanii qormaata biyyaaleessaaf qophaa’u akka hin dandeenye himu. 

Kanaan alattis, iddoowwan muraasa keessatti loltoonni mootummaa manneen barnoota akka kaampiitti fayyadamaa waan jiraniif manneen barnoota dirqamaan cufamanillee jiraachuu barattoota fi barsiisonni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) gabaasa kurmaana waggaa Caamsaa 20, 2024 baaseen, Itoophiyaa keessatti daa’imman miiliyoona 8.85 ta’an sababa walitti bu’iinsaan barnoota ala ta’uu beeksiseera.

Haalli barnootaa biyyattii haala rakkisaa keessa akka jiru kan ibse UNICEF, bara kana Amajjii hanga Bitootessa biyyattii keessatti lakkoofsi manneen barnootaa cufaman dhibbeentaa 18n dabaluu, akkasumas lakkoofsi manneen barnootaa miidhaan irra gahe dhibbeentaa 4.5n dabaluu ibseera.

Akka odeeffannoo UNICEF irraa argametti, biyyattii keessatti manneen barnootaa 6,770 miidhaan kan irra gahe yoo ta’u, manneen barnootaa 6,410 cufamaniiru.

Barattoota sababa walitti bu’iinsaan adeemsi barnoota isaanii danqame keessaa tokko Daadhituu Amsaalati. Daadhituun bara 2022 keessatti barattuu kutaa 12ffaa taatee haleellaa “finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman” Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti raawwataniin maatii ishee waliin qe’ee isaanirraa buqqa’an. 

Yeroos harmeeshee fi obboloota quxusuu lama waliin gara Naqamtee imaluun mana shaayee xiqqoo daandii gubbaa banatanii yeroof of jiraachisaa turaniiru. “Lubbuu maatii keenya jiraachisuuf barnoota koo addaan kutee harmee koo waliin shaayee fi buskutii hojjenna.”

Waggaa tokko booda garuu haalli nageenya qe’ee isaanii “yeroo fooyya’u” Onkoloolessa bara 2023 gara Kiiramuu deebi’an. Haata’u malee, barnoota waggaa lama dura addaan kutte deebitee eegaltuus, sirnaan hordofaa waan hin jirreef qormaata biyyaaleessaaf “abdii hin qabu” jetti. 

“Ammallee naannoon keenya sodaa irraa hin baane. Erga gara Kiiramuutti deebine booda jireenyi keenya akka durii waan hin taaneef barnoota sirnaan hordofaa hin jiru. Mana barumsaa torbanitti guyyaa tokko ykn lama deema. Kanaaf abdii barnootarra qabu dhumeera,” jette. 

Daadhituu ala barattoonni baay’ee rakkoo nageenyaa kanaan walqabatee barnoota ala ta’aniiru. Kanneen barachaa jiranillee baay’ina barattootaan xiyyeeffannoo gahaa kennamaafi akka hin jirre himu.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Kombolchaa keessa barsiisaa mana barumsaa Kombolchaa sadarkaa tokkoffaa kan ta’e Ahimad [maqaan yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame] Addis Standard dubbise, jireenyi barattootaa sababa garagaraan danqamuu hima.

“Daree tokko keessatti barattoonni baay’een bakka tokkotti barachuu irraa kan ka’een dhukkuboota daddarbootiif saaxilamaa jiru. Keessumaa ji’oota darban Aanaa Guduruu keessatti barattoonni baay’een dhukkuba dadarbaa Giifiraan qabamaa turan.” 

Itti dabaluun, “manni barumsa Migiruu sadarkaa tokkoffaa Aanaa Abbaayi Coomman keessatti argamu loltoonni mootummaa keessatti buufatanii jiraachaa jiru. sababuma kanaaf manni barnoota kun tajaajila barumsa kennaa hin jiru,” jedhan.

Barsiisaa mana barumsaa Sulula Finca’aa Addis Standard dubbise kan biraanis yaada Ahimad cimsuun sochiin walitti bu’iinsa waggootaaf godinicha keessatti itti fufe jiru qabxii fi xiin-sammuu barattoota irratti dhibbaa geessisuu hima.

“Qabxiin barattootaa gad-bu’aa jira. Barnoonni sababa rakkoo nageenyaan addaan ciccitaa jira. Barattoonni qayyabannaa duraan bosona deemanii qayyabatan hedduutu jiru turan, ammaa rakkoo nageenyaa jiruun gara bosonatti deemanii qayyabachuu dhiisanii jiru. Akkasumas, haala itti fufiinsaa qabuun manneen kitaaba deemanii dubbisuuf rakkachaa jiru. Yeroo gahaa ta’ee argatanii barnoota isaanii sirnaan hordofaa hin jiran,” jechuun yaada isaa Addis Standard’tti ibseera.

Itti dabaluun, manneen barnootaa baay’ee keessatti loltoonni qubatanii argamuun isaanii adeemsa baruu fi barsiisu irratti danqaa uumuurra darbee xiin-sammuu barattoota irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsa. 

“Barattoonni qaamolee wal waraanaan lamaan [Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo] dhibbaa irra gaha. Raayyaa Ittisaa Biyyaa barattootaan atti WBO deeggartaa jechuun reebicha irraan geessisa. Gama biraatin ammoo Waraanni Bilisummaa Oromoo barattootaan waraanaa mootummaaf odeeffannoo kennitaa jechuun reebicha gaggeesse. Barattoonni gama lachuun dhiibamuu isaanii xiin-sammuun isaanii barnoota irraa akka fagaatu taasiseera,” barsiisaa kanatu jedhe.

Miidhaa saalaa barattoota dubaraarra gahu

Yeroo walitti bu’iinsaa fi waraanaatti baay’inaan miidhaawwan garagaraaf saaxilamoo kan ta’an dubartoota fi daa’immani. Keessumaa dubartoota miidhaa saalaa dabalatee karaa adda addaan waan irratti xiyyeeffatamuuf adeemsa waraanaa keessa jireenya isaanii dhabu. Walitti bu’iinsa Lixa Oromiyaa keessa jiruunis muudannoon walfakkaataa uumamuun hin oolle.

Daraartuu Gammachuu (nageenyaaf jecha maqaan ishee kan jijjiirrame), Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Horrootti dhalatte. Yeroo taateen kun ishee mudate shamarree waggaa 15 fi barattuu kutaa 8ffaa turte. 

Caamsaa 14, 2015 ALI guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 6:10tti sagantaa mana barnoota waaree boodaa hordofuuf gara mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Cahii jedhamu osoo deemaa jirtuu hidhattoota “Faannoo” aanaa sana keessa socho’aniin gudeedamte. Miidhaa gudeeddii irraa gahee kanaan barnoota ishee addaan akka kuttuuf ishee dirqisiiseera.

Rakkoon nageenyaa naannoo sanatti jiru barattoota dubaraa rakkoo akkasiif akka saaxilaman carraa uumeera. Gochaan gudeeddii Daraartuu irratti raawwatame kun miidhaa qaamaa, rakkoo fayyaa qaamaa fi xinsammuu, akkasumas sarbamni mirgaa irraan geessisu bira darbee barnoota abdii godhatte akka addaan kuttu taasiseera.

Daraartuun mudannoon ulfaataa fi gaddisiisaa taʼe irraan gahuus, miidhaa Kooriyaa ishee mudate ifatti dubbachuudhaan ija jabina guddaa argisiisteetti. Wantoonni Daraartuurra gahan rakkoolee barattoota naannoo sanaa jiran irratti gahu keessa muraasa agarsiisa. Rakkooleen kunis nageenya barattoota irratti yaaddoo guddaa uumeera.

Dhaabbata miti mootummaa Waldaa Misooma Gurmuu jedhamutti Qindeessaa Dhimma Barnootaa Damee Horroo Guduruu Wallaggaa kan ta’e Habtaamuu Tizaazuu, walitti bu’iinsa qaamolee Raayyaa Ittisa Biyyaa, Waraana Bilisummaa Oromoo fi hidhattoota Faannoo hirmaachisee kanaan walqabatee barattootni hedduu gudeedamuu dabalatee miidhaa saalaa garagaraa isaan mudachuu hime.

“Dubartoota mana barumsaa deemanii karaa irratti ni gudeedamu. Ijoolleen umuriin isaanii 14 hanga 16 jiddu jiranii irratti irra deddeebi’iin gudeedamuun irra gahaa jira. Barattoonni gudeeddiin irra gahe barnoota isaanii addaan kutanii dahu,” jedhe. 

Sababa kanaan barattoonni kumaatamaan lakkaawwaman barnoota isaanirraa hafuu kan himu Habtaamuun, yeroo murteessaa kana keessatti eegumsi barbaachisaa ta’e akka godhamuuf dhaameera. Mudannoon Daraartuu fi shamarreen akkashee saaxilamoo ta’an irratti gahees barattoota gocha hammeenyaa akkanaa irraa eeguun hatattamaan akka barbaachisu kan hubachiisuudha. 

Abdii barattoota manca’e deebisanii ijaaru

Dhaabbata Misooma Gurmuutti Qindeessaa Dhimma Barnootaa Damee Horroo Guduruu Wallaggaa kan ta’e Habtaamuu Tizaazuu, ragaa dhaabbatichi sassaabeen godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessa qofa barattoonni mana barumsaa galuu qaban 15,000 ol sababa rakkoo nageenyaan walqabataniin otoo hin galiin hafuu Addis Standard’tti himan. 

Akka Habtaamuun jedhutti, sababa rakkoo nageenyaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti qofa manneen barnoota sagal miidhaa irra gaheen barnoota ala ta’aniiru. Manneen barnoota hedduu meeshaaleen barnoota jalaa saamameera, kaan ammoo dareen jalaa manca’eera. 

Dhaabbatni miti mootummaa Misooma Gurmuu adeemsa baruufi barsiisuu rakkoo nageenyaan walqabatee danqame itti fufsiisuuf godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa fi Shawaa Lixaatti meeshaalee daree barnootaa dhiyeessuu fi suuphuu dabalatee gumaacha garagaraa taasisaa jiraachuu Habtaamuun himeera.

“Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaalee Harkasaa, Horroo Bulluuq, Shambuu fi Guduruutti barsiisota leenjisuufi qacaruun dukkaana buusne keessa barattoota 900 ta’an barsiisaa jirra. Akkasumas godina Wallagga Bahaa aanaa Saassiggaa fi aanaalee biroo keessatti barattoota barnoota isaanii sababa rakkoo nageenyaan addaan kutaan barsiisaa jirra,” jedhe.

Habtaamuun itti dabalauun, rakkoon nageenyaa kun furmaata hin argatu taanaan qabxii, xiin-sammuu fi jireenya barattoota irratti dhiibbaa jabaa akka irraan gahu ibsuun, qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu hunda waldhibeen naannoo Oromiyaa karaa nagaan furmaata akka argatu gahee isaanii akka bahatan, akkasumas barnoota irratti xiyyeeffannoon akka laatamu dhaameera. AS

Related Articles

Back to top button