ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Miseensi koree giddugaleessaa KFO Shaamanii Beenyaa too’annoo poolisii jala erga oolanii torban darbus mana murtiitti hin dhiyaanne

Finfinnee, Ebla 26, 2024 – Miseensa koree giddugaleessaa Kongireessii Federaalaa Oromoo (KFO) kan ta’an Obbo Shaamanii Beenyaa magaala Adaamaatti too’annoo poolisii jala oolfamuu maatiin Addis Standard’tti hime.

Haati manaa Obbo Shaamanii Aadde Madiinaa Bashiir Addis Standard’tti akka himanitti, Obbo Shaamanii Beenyaa osoo kaaffee taa’anii waahillan isaanii waliin bashannanaa jiranii Ebla 17, 2024 galgala keessaa naannoo sa’aatii 1:00tti too’annoo poolisii jala oolfamuu himaniiru.

Obbo Shaamaniin namoota yeroo sana waliin turan waliin kan too’ataman yoo ta’u yeroo xiqqoo booda namoonni kunneen gadilakkifamaniiru.

Akka Aadde Madiinaatti, sababiin poolisiin Obbo Shaamanii too’annoo jala oolcheefi tursiiseef suuraa alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) mobaayilii isaanii keessatti argamuudhaan kan walqabatuudha.

Yakki Obbo Shaamaniin raawwatan kan hin jirre ta’uu himuun sababiin poolisiin dhiyeesse kuni nama tokko too’annoo jala oolchuuf gahaa miti jedhu maatiin Aadde Madiinaan.

Obbo Shaamaniin waajjira poolisii magaala Adaamaa hidhamanii haa argaman malee hanga ammaatti mana murtiitti hin dhiyaannee ta’uu miseensi maatii Obbo Shaamanii kuni ibsaniiru.

Barsiisaa Shaamanii Beenyaa miseensa koree giddugaleessaa KFOfi miseensa Koree hoji raawwachiiftuu KFO damee godina Shawaa Bahaati.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Obbo Shaamaniin Yuunivarsitii Arsiitti barsiisaakutaa barnoota Seeraa yoo ta’an Yuunivarsitii Finfinneetti barnoota sadarkaa olaanaa (PHD) barachaa jiru. 

Obbo Shaamaniin erga Ebla 17, 2024 magaalaa Adaamaatti too’annoo poolisii jala oolfamanii mana murtiitti hin turuu maatiin Addis Standard’iif mirkaneessaniiru.

Miseensonni biroo sababa quubsaa malee hidhannoo jala jiran hedduu ta’uu dubbi-himaan KFO Obbo Sulxaan Qaasiim mirkaneessaniiru. Hoggantoonni paartichaa sadarkaa aanaafi godinaa hedduu yeroo dheeraaf too’annoo poolisii jala turuu himaniiru. Hoggantoota kanneen keessaa eessa buuteen isaanii kan hin beekamne jiraachuu ibsaniiru.

Hoggantoota paartichaa poolisiin too’ataman keessaa Girmaa Caalaa, godina Shawaa Kibba Bahaa hogganaa koree KFO aanaa Bachoo, Simaa Caalaa miseensa dhaabaa magaala Tulluboolloo, Dajanee Girmaa miseensa koree Shawaa Kaaba magala Fiichee, Obbo Kabbada Waaqjirraa hogganaa Liigii qaama miidhamtoota KFO aanaa Burraayyuu, Obbo Mohaammad Dooyyoo miseensa KFO godina Booranaa aanaa Dirree, Mallasa Caalaa godina Shawaa Kibbaa aanaa Baakkoofi Fiqaaduu Ayyaanaa miseensa koree giddugala KFOfi godina Wallaga Bahaatti walittiqabaa koree KFO kan ta’an humnoota mootummaatiin too’ataman mana murtiitti osoo hin dhiyaatin “dararrii garaagaraa keessa turuu” eeruun isaan keessaa eessa buuteen isaanii kan hin beekamnes jiraachuu himaniiru.

Dhimma kana boordii filannoofi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatiif iyyannoo haa galchan malee deebiin argatan kan hin jirre ta’uu Obbo Sulxaan himaniiru. Du’uufi lubbuun jiraachuun hoggantoota kanneenii kan hin beekamne jiru jedhame.

Akka dubbihimaa kanaatti, sababiin hidhamuu hoggantoota kanneenii kan hin jirre ta’uu himuun adeemsi kuni sochii paartichi sadarkaa aanaafi godinaatti gaggeessu dhaabsiisuufi biiroolee dhaabbatichaa cufsiisuun “KFO dirree siyaasaa keessaa baasuuf” yaalii taasifamuudha. AS

Related Articles

Back to top button